Finfinnee, Sadaasa 24, 2018 (FMC) –Hanqina dhiyeessii Zayitaa mudate furuu fi qaala’iinsa jireenyaa tasgabbeessuuf hojjetamaa jira jedhe Biiroon Daldalaa Magaalaa Finfinnee.
Hanqina mudate furuu fi qaala’iinsa jireenyaa tasgabbeessuuf hojjetamaa jiraachuu Hoggantuun biirichaa Aadde Habiibaa Siraaj Faanaa Diijitaalitti himaniiru.
Oomishni Zayitaa gahaan biyya keessa jiraachuu eeruun , Daldaltoonni tokko tokko hanqinni oomishaa waan mudate fakkeessuun gatii dabaluuf wayita yaalan mul’achuu dubbatan.
Yeroo ammaa waldaalee Shamattootaa, dhaabbata Hojiilee Daldalaa Magaalaa Finfinnee, akkasuma dhaabbilee adda addaatti Zayitiin leetirri 5 birrii kuma 1 fi 400 fayyadamtootaaf dhiyaachaa jiraachuu himan.
Haa ta’uutii daldaltoonni tokko tokko sanaa olitti gurguraa akka jiran bira gahamuu dubbatan Aadde Habiibaan.
Oomishaaleen Zayitaa gahaan karaa waldaalee shamattootaan fi dhaabbileen gatii madaallawaan dhiyaachaa jiraachuu kaasan.
Teediroos Saahileetu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.