Finfinnee, Waxabajjii 22, 2017 (FMC) – Vitaamiin ‘D’n coomaan kan bulbulamu yoo tahu, cooma qaama keenya keessa kuufame keessatti vitaaminii oomishuun kan fayyadamuudha.
Daa’imman reefu dhalatan aduutti baasuun qaqqaammachiisuun aadaa baramaaa tureedha.
Daa’imman aduutti baasuun Vitaamiin ‘D’ akka argataniif lafeen isaanii jabaatee akka guddataniifi .
Amma garuu akkuma daa’immanii ga’eessonnis Aduu qaqqammachuu qabuu.
Vitaamiin ‘D’ bakka lamatti qooduun ni lallamaa jedhuu Ispheeshaalistiin Soorata Namaa fi Gorsaan Sirna Nyaataa fi Nuutrishinii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Dooktar Hajii Amaan .
Vitaamiin ‘D3’ kan jedhamu Vitaamina gogaa jalatti argamu ta’uu Dooktar Hajiin Faanaa Diijitaaliif himan.
Vitaamiin ‘D2’ immoo Nyaataa fi biqlituurraa kan argamuudha jedhan.
Vitaamiin ‘D2’ vitaaminoota warshaalee keessatti oomishamuu danda’an jalatti kan ramadamanidha.
% 80-90 vitaamiin ‘D’ Aduurraa kan argamu ta’uu himaniiru.
Aduu gaha hin argannu taanaan nyaata vitaamiina D’n badhaadhe soraachuun barbaachiisadha jedhan.
Hanqinni Vitaamiin ‘D’ yeroo baay’ee Daa’ima qofarratti akka mudatutti kan yaadamudha jedhu.
Amma garuu namoota Sadarkaa umrii hundaarratti kan mudachaa jiru ta’uu kaasaniiru.
Qorannoon dhihenyaa akka mul’isutti % 56 hanga 49 namoonni hanqina Vitaamiin ‘D’f ni saaxilamu.
Hanqina Vitaamiin D ‘f sababoonni garaagaraa jiraachuu malu jedhan.
Falamni qilleensaa, waktiileen ,naannawaan jiraannu ,akkaataan uffannaa, ulfaatinni qaama, Umriin, gosti gogaa, dhibbeewwan garaagaraa fi qorichaaleen fudhataman hanqina Vitaamiin ‘D’ nama Saaxiluu.
Hanqinni Vitaamiin ‘D’ daa’imman irratti wayita mudatu rakkoo lafee fi guddinaa fidaa jedhan.
Keessattuu haphina lafee kan hordofsisu ta’uu dubbatan.
Namoota guguddoorratti immoo dadhabbii, dhukkubbii dugdaa, lafee, lafti ittin maruu fi xiyyeeffannoo dhabuu mallattoolee ta’uu himan.
Hanqinni Vitaamiin ‘D’ dhibee akka kaansarii, onnee fi dhibee biroof Saaxiluu danda’a jedhan.
Akkasumas infeekshinii garaagaraaf sababa ta’uu danda’a.
Haadholii ulfaa irratti yeroo baay’ee Dhiibbaa dhiigaa yeroo ulfaa mudatu, dhibee Sukkaaraa fi daa’imman garaa keessatti akka qancaraan taasisuu danda’a jedhan.
Haala qabatamaa yeroo amman namoonni baay’een hanqina Vitaamiin ‘D’f saaxilamuu himan.
Kanaaf namni hundi akkuma daa’ima dhalattuu aduu qaqqammachuu qaba jedhan.
Keessattuu namoonni waajjiraalee Mootummaas ta’ee dhuunfaa keessa hojjetan baay’inaan ni Saaxilamu kan jedhan Dooktar Hajiin,aduu gahaa argachuu qabu jedhan.
Biyyoota hambaatti wanti barame ni Jira kan jedhan Dooktar Hajiin wayita buna shaayii jedhan Aduurratti fayyadamuu, wayita laaqanaaf bahanis bakka aduun argamutti kan fayyadaman ta’uu akka fakkenyaatti kaasan.
Rakkooleen sababa hanqina Vitaamiin ‘D’n dhufan ulfaataa ta’uu hubachuu,aadaa Aduu qaqqammachuu shaakaluu akka qaban himan.
Namoonni sababa adda addaan aduu argachuu hin dandeenye ammoo qurxummii, Foon horii, foon booyyee, tiruu, hanqaaquufi Abbaa commee soraachuu qabu jedhan.
Tsahaay Gulummaatiin.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.