Hansii Filiik waliigaltee isaa dheeressuuf waliigale

Finfinnee, Caamsaa 4, 2017 (FMC) – Leenjisaan garee Baarseloonaa Hansii Filiik waliigaltee kilabicha waliin waggaa lamaaf isa tursiisu mallatteessuuf waliigaleera.

Injifannoo El Kilaasiikoo kaleessaa hordofee hoggantoonni kilabichaa leenjisichaa fi bakka bu’aa isaa waliin yeroo turtii isaa ilaalchisee mari’ataniiru.

Mareen boodas Leenjisichi hanga bara Faranjootaa 2027’tti waliigaltee kilaba Kaataaloon waliin isa tursiisu mallatteessuuf hoggantoota kilabichaa waliin sadarkaa yaadaatti waliigaluun isaa gabaafamaa jira.

Baarsaloonaa injifannoon kan ga’aa jiru Hansii Filiik, kilabicha Shaampiyansi liigiin nuusa xumuraaf kan qaqqabsiise yoo ta’u, tapha Laaliigaan ammoo xumuraan ga’aa jira.

Comments (0)
Add Comment