Finfinnee, Onkoloolessa 13, 2019(FMC)- Haqni ce’umsaa olaantummaa seeraa cimsuuf murteessaadha jedhan Ministirri Haqaa aadde Haannaa Ar’ayaasillaaseen.
Sagantaan hundeeffama fooramii waloo Ministeera Haqaafi Dhaabbilee Siiviilii Hawaasaa gaggeeffamaa jira.
Aadde Haannaa Ar’ayaasillaaseen wayita kana, imaammata haqa ce’umsaa qopheessuuf hojiileen qorannoofi marii hojjetamaa akka turan yaadachiisaniiru.
Naannoleefi bulchiinsa magaalotaatti waltajjiiwwan marii hedduun gaggeeffamuufi kutaalee hawaasaa garaagaraarra yaadonni walitti qabamuu eeraniiru.
Imaammatichi erga raggaasifameen booda hojiin hammattoowwan seeraa hojiirra oolmaasaaf barbaachisan qopheessuu hojjetamuus kaasaniiru.
Adeemsi haqa ce’umsaa waldhabdeewwan sababoota walitti bu’iinsaan uumaman furuuf, sarbamiinsi mirgoota namoomaa irra deebiin akka hin raawwatamne ittisuufi nageenya waaraa mirkaneessuuf murteessaadha jedhaniiru.
Ka’umsa walitti bu’iinsotaa adda baasuun furuuf, madoowwan hawaasa keessatti kuufaman dhabamsiisuufi walitti bu’iinsonni irra deebiin akka hin uumamne ittisuuf haqni ce’umsaa barbaachisaa ta’uus ibsaniiru.
Hojiilee haqa ce’umsaa adeemsa marii biyyaalessaa waliin qindeessuun tattaaffii ijaarsa nageenyaa biyyattii cimsuun barbaachisaa akka ta’es eeraniiru.
Yeroo itti aanutti hirmaannaa uummataan hammattoowwan seeraa xumuruun raggaasisuu fi dhaabbilee hundeessuun gara raawwii hojiitti akka galamu ibsaniiru.
Adeemsa kana keessatti qoodni dhaabbilee hawaasa siiviilii murteessaa ta’uu hubachiisaniiru.
Haqa ce’umsaa irratti hubannoo guddisuun, hojiilee qorannoo gaggeessuun fi adeemsa raawwii isaa hordofuun hojiilee eegaman keessaa ta’uu eeruu isaanii ENA’n gabaaseera.
#Itiyoophiyaa #BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa