Finfinnee, Onkoloolessa 14, 2019 (FMC) — Harar magaalaa nagaa, jaalalaa fi wal-danda’uun keessa jiraatamuudha jedhan Pirezidaantiin Mootummaa Naannoo Hararii Obbo Ordiin Badrii.
Pirezidaantichi Itiyoophiyaatti Ambaasaaddara Ruumaaaniyaa Juuliyaa Paatakii waliin mari’ataniiru.
Yeroo kanatti Pirezidaantichi qabeenya tuurizimii naannichaa misoomsuuf xiyyeeffannoo kennamee fi hojiiwwan misoomaa hojjetamaa jiran ilaalchisee ibsa kennaniiru.
Magaalaan Harar hambaa seenaa Juugool dabalatee iddoowwan hambaalee addunyaa Dhaabbata Barnootaa, Saayinsii fi Aadaa Mootummoota Gamtoomaniitti (UNESCO) galmaa’an hedduu kan qabdu ta’uu ibsaniiru.
Akkasumas, magaalattii keessatti uummanni aadaa fi amantii garaagaraa qabu nagaa, jaalalaafi wal-danda’uun akka waliin jiraatu eeraniiru.
Ruumaanniiyaanis damee barnootaatiin deeggarsa taasisaa jirtuuf galateeffataniiru.
Ambaasaaddar Juuliyaa Paatakii gama isaaniin hariiroon Itiyoophiyaa fi Ruumaanniyaa yeroo dheeraa kan lakkoofsiseefi michummaa gaarii irratti kan hundaa’e ta’uu ibsaniiru.
Itiyoophiyaanii fi Ruumaanniiyaan damee barnootaatiin hariiroo yeroo dheeraa kan qaban ta’uu yaadachiisuun, michoota dinagdee cimaa ta’uu isaaniis kaasaniiru.
Fuuldurattis dameewwan tuurizimii fi misooma hawaasummaa keessatti deeggarsa taasisuuf qophii ta’uu dubbataniiru.
Ambaasaaddar Juuliyaa Paatakii Laaboraatoorii Ikootii fi meeshaalee dhaabbataa Inistiitiyuutii Awwaabdallaaf deeggarsa kennuu odeeffannoon Biiroo Kominikeeshinii naannichaa ni mul’isa.
#Ethiopia #BiyyaGuddoo #UmmataGuddaa #MullataGuddaa