Finfinnee, Ebla 30, 2017 (FMC) – Godina Harargee Bahaatti bara kana Sagantaa Ashaaraa Magariisaan biqiltuuwwan miiliyoona 300 fi miiliyoona 25 ol dhaabuuf hojjetamaa jiraachuun ibsameera.
Godinichatti hanga ammaatti buufataalee biqiltuu kuma 1 fi 605 keessatti biqiltuuwwan miiliyoona 300 fi miiliyoonni 60 ol qophaa’uu Itti Gaafatamaan Waajjira Qonnaa Godina Harargee Bahaa Obbo Abdii Ahmad FMC tti himaniiru.
Biqiltuuwwan bara kana dhaabaman keessaa %11 nyaataaf kan oolan ta’uus ibsaniiru.
Sululoota 498 , lafa heektaara kuma 87 fi 577 irratti sagantaa ashaaraa magariisaan biqiltuuwwan garagaraa kan dhaabaman ta’uu eeraniiru.
Godinichatti waggoottan darban hojii Sagantaa Ashaaraa Magariisaan hojjetameen dhiqama biyyee hambisuun, maddi bishaanii gogee ture deebi’ee burquufi oomishtummaan qonnaas dabalaa dhufuu Obbo Abdiin himaniiru.
Biqiltuuwwan baroottan darban dhaabaman %91.5 latuu fi uwwisni bosonaa godinichaa duraan %5 ture gara %24 tti guddachuus ibsaniiru.
Nageessoo Kadiirtu gabaase.
#Oromia #Ethiopia