Finfinnee, Caamsaa 11, 2017 (FMC )- Godina Harargee Lixaatti Sagantaa Ashaaraa Magariisaa waggottan darban gaggeeffameen bu’aan qabatamaan argamuu Waajjirri Qonnaa Godinichaa ibse.
Godinichatti Sagantaa Ashaaraa Magariisaa bara kanaaf biqiltuuwwan gosa garaagaraa miiliyoonni 400 fi miiliyoonni 2 qophaa’uu Itti Gaafatmaan Waajjira Qonnaa Godinichaa Obbo Bushraa Adam Faanaa Diijitaaliif himaniiru.
Hojiin misooma sululaa waqtii bonaa hojjetamus milkaa’ina Ashaaraa magariisaa gannaaf gahee olaanaa bahachaa jiraachuu obbo Bushraan ibsaniiru.
Godinichatti bara kana biqiltuuwwan gosa adda addaa miiliyoona 400 fi miiliyoona 13 qopheessuuf karoorfamee hanga ammaatti biqiltuuwwan miiliyoonni 400 fi miiliyoonni 2 buufatalee Mootummaa fi dhuunfaatti qophaa’uu himaniiru.
Bara darbe biqiltuuwwan miiliyoona 400 ol dhaabaman kunuunfamaa turuu ibsuun, kanaanis % 89 ol latuu dubbataniiru.
Godinichatti hojii misooma Sululaa hojjetameen balaan lolaa fi dhiqaminsi biyyee xiqqaachuu ibsaniiru.
Akka Naannoo Oromiyaatti bara kana biqiltuuwwan gosa adda addaa biiliyoona 5 fi miiliyoona 500 ol qopheessuuf hojjetamaa jira.
Tsahaay Gulummaatu gabaase.