Finfinnee, Ebla 29, 2017(FMC) – Jijjiirama waliigalaa biyyattii keessatti hojiirra oole hordofee bu’aaleen gama dinagdee, siyaasaa fi hawaasummaan akka biyyaatti galmaa’aa jiru.
Bu’aalee kanneen caalmaatti itichuufis mootummaan biyyoota adda addaa waliin hariiroo jiru cimsuu fi haaraas uumuun, muuxannoo biyyoottanii qooddachuuf, tumsa waloo dameelee adda addaan hojiirra oolchuuf fi deeggarsawwan garaagaraa faayidaa biyyaalessaa kabajan argachuuf tattaafachaa jira.
Hayyoonni faanaa dijiitaaliif yaada isaanii kennanis, Fayyadamummaa tumsa waloo irratti hundaa’e fi hariiroo dippiloomaasii guddisuuf tattaaffiin biyyattiin eegalte kun guddina dinagdee, ijaarsa sirnaa fi misooma hawaasummaa keessatti qooda olaanaa qabaata jedhan.
Yuuniivarsiitii Ambootti barsiisaaa fi qorataan saayinsii siyaasaa fi hariiroo idil addunyaa Seenessaa Damisee, biyyi kamuu faayidaa biyyaalessaa eegsifachuuf biyyoota biiroo waliin hariiroo cimsachuuf imammata baastee akka hojjettu himaniiru.
Hojii Itiyoophiyaan gama kanaan eegalte kun guddina misoomaa akka biyyaatti eegalme caalmaatti milkeessuuf qooda olaanaa qabaachuu ibsan.
Deggarsawwan fi waliigalteewwan damelee adda addaan mallatteeffanis dinagdee tumsuu bira darbee misooma hawaasummaa fi nageenya biyyaa mirkaneessuu keessatti qoodni isaanii olaanaa dha jedhan.
Yuuniivarsiitii Naannoo Oromiyaatti barsiisaa fi qorataan Seeraa Abbaay Margaas gama isaniin tattaaffiin biyyattii kun dhimma Hidha Haaromsaa Guddichaa fi Barbaachisummaa Ulaa Galaanaan walqabatee bu’aa guddaa fiduu dubbatan.
Biyyoonni hedduun jijjiirama biyyattii keessatti dhufaa jiru hubachuun gaaffilee misoomaa isheen kaastuuf beekamtii kennuu irra darbanii, karaalee adda addaan tumsaa jiru jedhan.
Itiyoophiyaan miidhaa gartummaa siyaasaa hordofuun hariiroo uumuun qabu hubachuun biyyootaa fi dhaabbilee idil addunyaa kallattii siyaasaa adda addaa hordofan waliin hariiroo uumuuf tattaaffiin gootu faayidaa biyyalessaa mirkaneessuuf gumaacha olaanaa qabaachuu hayyoonni kunniin ibsaniiru.
Hayyoonni fi lammileen hundi mootummaa qofa irratti ilaaluu osoo hin taane carraa argataniin haala qabatamaa fi guddina biyyattiin irra jirtu qorannoo fi qo’anoon deggaruun addunyaatti beeksiisuu qabu jedhan.
Hojii dippilomaasii tumsuu akka qabanis hubachiisaniiru.
Yoonaataan Biraanuutu gabaase.