Finfinnee, Caamsaa 1, 2017 (FMC) – Hariiroon Itiyoophiyaa fi Ruusiyaa gidduu jiru guddachaa dhufuu Itiyoophiyaatti Ambaasaaddar Raashiyaa Ivgeenii Tarakihiin ibsan.
Itiyoophiyaan miseensa BRICS ta’uun ishee misoomaa fi walta’iinsa idil-addunyaaf ga’ee olaanaa akka qabu kan ibsan Ambaasaaddarichi, bu’aa dinagdeen alattis ga’ee seena qabeessa Itiyoophiyaan waltajjii addunyaarratti qabdu caalmaatti cimsa jedhan.
Hariiroo dinagdee biyyoota lamaan gidduu jiru caalmaatti cimsuuf bu’uura akka ta’us eeraniiru.
Dhaabbileen daldalaa Raashiyaa humna gabaa Itiyoophiyaa hubachuun, dameewwan teeknooloojii odeeffannoo fi qonnaa irratti bobba’uu ni barbaadus jedhan.
Yeroo ammaa kana hariiroon dinagdee kun jabaate kan itti fufe yoo ta’u, waljijjiirraan daldalaa baatiiwwan kurnan jalabaa bara Faranjootaa 2024tti raawwatame % 40’n dabaluus yaadachiisaniiru.
Oomisha Awutomootiivii, misooma humnaa, meeshaalee elektirikii, oomishaalee keemikaalaa, warshaalee nyaataa, damee faarmaasii fi teeknooloojii dijiitaalaa dabalatee dameelee adda addaan waliin hojjechaa akka jiranis dubbatan.
Bakka bu’iinsi Daldalaa Raashiyaa Finfinneetti argamus dhaabbilee daldalaa carraawwan jiranitti fayyadamuu barbaadan irraa gaaffileen dhiyaachaafii akka jiru ibsaniiru.
Waljijjiirraa daldalaa biyyoota lamaanii guddisuuf hojjetamaa kan jiru yoo ta’u, dhaabbilee daldalaa Raashiyaa Zoonota dinagdee addaa Itiyoophiyaa keessatti bobba’uu barbaadaniif carraawwan hedduun jiraachuus dubbataniiru.