Harka dhaloota qajeelchaa jiru: Ashaaraa Waajjira Giifti-duree

Finfinnee, Hagayya 24, 2018 (FMC) – Barnoonni dhaloota boruu bocuu fi haqaa hawaasummaa mirkaneessuuf meeshaa ijoo dha.

Dhugaa kana hubachuun, Waajjirri Giifti-duree, kan Giifti-dureen Zinnaash Taayyaachoon hogganamu, waggoota darban keessatti hojiiwwan misoomaa garaagaraa hojjechuun jireenya namoota hedduu fooyyeessaa jira.

Keessattuu, barnoota qulqullinaa fi hunda hammataa ta’e hundaaf dhaqqabamaa taasisuuf hojiiwwan hojjetaman abdachiisoo fi guddina biyyaalessaa kan saffisanii dha.

Waajjirichi qaama miidhamtootaa fi namoota deeggarsa addaa barbaadaniif dursa kennuun hojiiwwan bal’aa hojjechaa ture.

Haaluma kanaan, maatiiwwan ijoolleen isaanii qaama miidhamtoota ta’anii bakka tokko irraa gara bakka biraatti socho’uuf rakkatan fi lammiilee socho’anii barachuu fi hojjechuuf rakkatan deeggaruuf deeggarsi garaagaraa kennameera.

Tarkaanfiin kun hirmaannaa hawaasummaa mirkaneessuu qofa osoo hin taane, tarkaanfii wirrii lammiin kamiyyuu dandeettii qabuun misooma biyyaalessaa keessatti qooda dammaqaa akka qabaatuuf gargaaruu dha.

Bu’uuraalee misooma barnootaa babal’isuunis, Waajjirichi naannolee biyyattii keessatti manneen barnootaa ammayyaa fi mijataa ta’an ijaareera.

Manneen barnootaa bultii addaa ijaaramaa jiran kaanaaf fakkeenya dha.

Manneen barumsaa bultii addaa kunniin kutaa ciisichaa fi dareewwan barnootaa, laaboraatoorii kompiitaraa humna aduu fayyadamuun hojjetu kan kompiitara gahaa qabu, boolla bishaan qulqulluu, kutaa nyaata itti qopheessan guutuu, mana kitaabaa fi gamoo bulchiinsaa of keessatti hammatu.

Barattoonni sodaa tokko malee akka baratan, akkasumas bu’aa barnootaa isaanii akka cimsatan yaadamee kan ijaaraman yoo ta’u, dargaggootaaf abdii ifaa uumee jira.

Gama biraatiin, Waajjirichi qulqullina barnootaa mirkaneessuuf barattootaa fi manneen barumsaa deggereeruun, barattoonni barachuu qofa osoo hin taane, gama hundaan eenyummaa fi dandeettii isaanii akka ijaarratan gargaaraa jira.

Dhaqqabamaa fi qulqullina manneen barumsaa mirkaneessuu ilaalchisee, Magaalaa Finfinnee keessatti Manni Barumsaa Sadarkaa Lammaffaa Bultii Birhaan Namoota Ija Dhabeeyyii dhaabbata ammayyaa xiyyeeffannoo olaanaa argateedha.

Mana barumsichaa keessatti kutaalee biyyattii garaagaraa irraa barattoonni 400 ol dhufanii barachaa jiru.

Adeemsa baruu fi barsiisuu saffisaafi mijataa taasisuufis, maxxansaa Biraayilii (Emboser), galmeewwan dijitaalaa, akkasumas meeshaalee yaalaa garaagaraa fi riijeentota qorannoo kennuunis deggereera.

Hojiiwwan qabatamoonn kunniin akka agarsiisanitti, tattaaffiin Waajjira Giifti-duree fayyadama walqixa lammiilee mirkaneessuu fi sirna barnootaa haqaqabeessa ijaaruuf gumaacha olaanaa taasisaa jira.

Hojiiwwan misoomaa kunneen, fakkeenya gaarii manneen barumsaa wiirtuu godhachuun hojjetaman, Itiyoophiyaa badhaate kan boruu ijaaruuf bu’uura kaa’anii dha.

Soosinnaa Alamaayyoon

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment