Finfinnee, Adoolessa 7, 2017( FMC)- Haroo Haramaayaa kunuunsuun bakka hawwata turistii akka ta’uuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jira jedhe Bulchiinsi Magaalaa Maayaa.
Bara kana piroojektiin misooma qarqara Haroo Haramaayaa marsaan jalqabaa Birrii miiliyoona 100 fi miiliyoona 30 oliin hojjetame tajaajila kennuu eegaluu Kantiibaan Magaalaa Maayaa Dooktar Ifrahaa Waziir ibsaniiru.
Duraan iddoo balfi itti gatamu kan ture qarqarri harichaa Haroo Haramaayaaf yaaddoo ta’ee turuu Faanaa Miidiyaa Korporeeshin irra deddeebiin gabaasaa turuun ni yaadatama.
Piroojektiin misooma qarqara Haroo Haramaayaa haricha tursiisuun hawwattummaa isaa dabaluun cinaatti dargaggoota hedduuf carraa ni uuma jedhan Dooktar Ifrahaa.
Hojiin qarqara harichaa misoomsuufi kunuunsuu qabeenya uumamaa Haroo Haramaayaa akka dabalu taasisuu keessattis gahee guddaa qabaachuu ibsaniiru.
Haricha tursiisuun baha biyyattiitti iddoo hawwata turistii taasisuuf xiyyeeffannoon hojjatamaa jiraachuus eeraniiru.
Piroojektiin misooma qarqara Haroo Haramaayaa marsaa 3’n kan hojjetamu ta’uu kan himan Dooktar Ifrahaa Waziir, marsaa 2ffaan ganna kana akka eegalu yaadachiisaniiru.
Nageessoo Kadiirtu Gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.