Hawaasni aadaa dhiiga arjoomuun lubbuu baraaruu akka cimsatu dhaamame

Finfinne, Hagayya 4, 2017 (FMC) – Hawaasni aadaa dhiiga arjoomuun lubbuu lammiilee dhiiga dhabuun darbanii baraaruu akka cimsatu Waajjirri Eegumsa Fayyaa Godina Baalee dhaameera.

Godinichatti tajaajila lammummaa waqtii gannaatiin dhiigni yuuniitiin 580 ol ji’a Adoleessaa qofa keessatti walitti qabamuu ammoo Baankiin Dhiigaa Damee Goobbaa beeksiseera.

Daayrektarri damichaa Obbo Muluu Mokonnin Faanaa Miidiyaa Koorporeeshiniitti akka himanitti, baankichi hanqina dhiigaa dhaabbilee fayyaa keessatti mul’atu furuuf qooda fudhattoota wajjiin hojjechaa jirachuu eeraniiru.

Baankichi bara 2018 keessatti dhiiga yuuniitii kuma 8 ol walitti qabuuf karoorfate keessaa dhibbantaa 90 ol raawwachuu ibsaniiru.

Ittigaafatamaa Ittaanaan Waajjira Fayyaa Godina Baalee Obbo Dassaalanyi Tuujubaa gamasaaniin, Tajaajilli Lammummaa humna misoomaa fi fala rakkoolee hawaasummaa ta’aa jiraachuu dubbatan.

Hojii tajaajila lammummaa yeroo gannaan arjooma dhiigaa dabalatee fayyaarratti hojiileen hubannoo uumuu fi sakatta’iinsa dhibeewwan garagaraa hawaasaaf bilisaan kennamaa jiraachuu dubbatan.

Namni kamuu dhiiga deebi’ee bakka bu’u arjoomuun lubbuu sababa hanqina dhiigaatiin darbuu malu baraaruu aadaa akka godhatan gaafataniiru.

Olyaad Haaji Ahmadtu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana

Tiktok:
https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment