Finfinnee, Hagayya 6, 2017(FMC) – Hawaasni diyaaspooraa sagantaa ajandaa walitti qabuu irratti dammaqinaan akka hirmaatu Komiishiniin Maree Biyyaalessaa waamicha dhiyeesse.
Komiishinarri Olaanaan Komiishinichaa Piroofeesar Masfin Ari’ayaa dhaamsa dabarsaniin, rakkoo bu’uuraa Itiyoophiyaa yeroo ammaa mul’atu furuuf dhimma akka ajandaatti qabamuu qabu irratti diyaaspooraawwan bakkuma jiran irraa karaa interneetiin, bilbila, poostaa fi karaa danda’an hundaan ajandaa isaaanii dhiyeeffachuu akka qaban hubachiisaniiru.
Lammiileen keenya biyyoota alaa jiraattan jedhan Komiishinar Masfin, warra biyya keessa jiraatan caalaa aadaa maree biyyootaa irratti hubannoo fi muuxannoo akka qabaachuu malanis akeekan.
Biyya keessatti hanga ammaatti waldhabdee jiru hidhannoon hiikuuf adeemsi deemame miidhaa, diigumsaa fi cabinsa sammuu caalaa bu’aa fide akka hinqabnes ibsan.
Adeemsa mareetiin garuu rakkoolee walitti dhiyeessuun irratti mari’achuun waliigaltee irra ga’uun hunda akka injifachiisus hubachiisaniiru.
Adeemsi akkanaa biyya akka keenyaa hiyyumaa fi boodatti hafummaan rakkachaa jirtu rakkina keessaa baasuuf filannoo hunda caalu jedhan.
Biyyoonni alaa amma jireenyaaf miijatoo ta’anis mareedhaan rakkoo akkanaa keessaa bahanii guddina irra ga’uun da’oo ta’uuf akka filataman kaasanii, muuxannoon akkanaa biyya keenyaaf faayidaa akka qabu eeraniiru.
Walabummaa Komikishinichaa ilaalchisee gaaffilee adda addaa qabaachuu akka malan kaasanii, Komiishinichi dhiibbaa qaama kamii irraayyuu karaa walaba ta’een kan hojjetuu fi Mana Maree Bakka Bu’ootaa duratti kakuu galuun uummataaf kan hojjetu ta’uu hubachiisan.
Diimokiraasii jechuun dhimma kam irrattiyyuu bilisummaan mari’achuun waliigaluuf yaaluu akka ta’e kan himan komiishinar Masfin, gaaffilee ifa hin taane kamiyyuu dhiyeessuu akka qaban fi komiishinichis deebii kennuuf qophii ta’uu hubachiisaniiru.
Yoonaataan Biraanuutiin.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.