Hawaasni Musliimaa wayita Ayyaana Iid kabaju lammiilee rakkatan gaafachuun ta’uu qaba…

Finfinnee, Bitootessa 9, 2018 (FMC)- Hawaasni Musliimaa wayita Ayaana Iid Al faxir kabaju lammiilee rakkatan gaafachuu fi gargaaruun ta’uu qaba jedhe Manni Maree Dhimmoota Islamummaa Magaalaa Finfinnee.

Pireezidaantii ittaanaa Mana Marichaa Sheek Muhaammad Shariif ayyaana Idil Al faxir sababeeffachuun ibsa kennaniin, Ayyaanichi Istaadiyeemii magaalaa Finfinnee fi naannawaa adda addaatti kan kabajamu ta’uu ibsaniiru.

Ciminni hafuuraa wayita soomaa ramadaanaa mul’ate wayita ayyaanichaas wal deeggaruu fi waliif yaaduun ta’uu qaba jedhan.

Aadaa wal gargaarsa wayita soomaa ture caalmaattii cimsuun keessattuu lammiilee harka qalleeyyiif yaaduu fi ayyaannicha waliin dabarsuun ta’uu akka qabu ibsaniiru.

Hawaasni Musliimaa duudhaa walgargaarsaa wayita sooma ramadaanaa mul’ise cimsee itti fufuu qaba jechuun dhaamaniiru.

Geetaasawu Yeshiwaasitu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment