Hawaasni qindoominaa fi tokkummaan nageenya naannoo isaa eeguu qaba- Dooktar Alamuu Simee

Finfinnee, Sadaasa 7, 2018 (FMC)- Hawaasni qindoominaa fi tokkummaan gurmaa’uun nageenya naannoo isaa eeggachuu qaba jedhan Ministirri Ministeera Geejjiba afi Loojistiksii Dooktar Alamuu Simeen.

Godina Arsiitti Konfiransiin nageenyaa fi misoomaa gaggeeffameera. ‎

Konfiraansicharratti hoggantoonni olaanoo mootummaa, qondaaltoonni waraanaa, abbootiin Gadaa, Haadholiin Siinqee fi kutaaleen hawaasaa aanaalee godinichaa garaagaraa argamaniiru.

Konfiransicharratti barreeffamni hojiilee misoomaa fi haala yeroorratti xiyyeeffate dhiyaachuun akkaataa nageenya waaraa mirkaneessuun danda’amurratti mari’atameera. ‎

‎Ololli amantaa fi finxaaleyyii farreen nageenyaatiin hafarfamu ummaata kan bakka hin buuneefi tokkummaa fi kutannoon kan balaaleeffatan ta’uu hirmaattonni konfiransichaa himan. ‎ ‎

Dooktar Alamuu Simee, mootummaan jijjiiramaan booda rakkoolee hawaas-diinagdee hiikuun hojiilee misoomaa ajaa’ibsiisaa fayyadamummaa ummataa mirkaneessuun imala guddina biyya milkeessan heddu hojjechaa tureera jedhan. ‎

Hawaasni qormaatilee hunda dandamachaa hojiilee misoomaa xiyyeeffannoon hojjechuun hiyyummaa seenaa gochaa, rakkooleen nageenyaa hundeerraa akka furamuuf immoo karaa qindaa’een kutannoo fi cichoominaan qabsaa’uu akka qabanis dhaamaniiru.

Raayyaa Ittisa Biyyaatti Ajajaan Ajaja Kibbaa Letenaant Jeneraal Salamoon Ittafaan gamasaaniin, raayyaan ittisa biyyaa hawaasni sodaa nageenyaa keessaa bahee xiyyeeffannoo hojii misoomaatiif kennee hojjachuun jiruu fi jireenya ofii jijjiiruurra darbee diinagdee biyyaa guddisuu keessatti gahee akka bahatuuf kutannoon hojjachaa jira jedhan. ‎ ‎

Nageenyi immoo qaamolee nageenyaa qofaan mirkanaa’uu akka hin dandeenye ibsuun, hawaasni tokkummaan ijaaramee diinota rakkoo uuman saaxiluun seeratti dhiyeessuuf tumsuu akka qabus ibsaniiru. ‎ ‎

Bulchaan godina Arsii Obbo Ibraahim Kadiir, ummanni godina Arsii hiyyummaa seenaa gochuun diinagdee biyyaa guddisuu keessatti gahee bahachuuf omishaafi omishtummaan dachaan akka dabalu gochuuf ummataa kutannoon hojjechaa jiruudha jedhan .

‎Finxaaleyyiifi diinonni misoomaa fi nageenya hawaasa hin barbaanne imala guddina biyyaa gufachiisuuf hawaasa walitti buusuun nageenya booressuuf yeroo gara yerootti socho’aa jiraachuu himaniiru.

‎‎Abdallaa Amaantu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment