Hayyoonni waliigaltee biyyaalessaaf gahee isaanii bahachuu qabu- Komishinnicha

Finfinnee, Hagayya 14, 2017(FMC)- Komishiniin Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa hayyoonni waliigaltee biyyaalessaa keessatti gahee isaanii bahachuu qabu jedhe.

Komishinichi mata duree “ Gahee Hayyootaa Bu’aa qabeessummaa Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaatti” jedhuun bakka bu’oota hayyoota Yuuniivarsiitii Naannoo Amaaraatti argaman waliin mari’achaa jira.

Komishinarri Komishinichaa Dooktar Yoonaas Adaayyee wayita kana akka jedhanitti, hayyoonni yaadota biyya fayyisuu danda’an dhiyeessuun gahee isaanii bahachuu qabu.

Akka biyyaatti dirreen marii aadaa hawaasummaafi siyaasaa ta’e akka uumamuuf gahee hayyoonni adeemsa marii biyyaalessaa keessatti qaban olaanaa ta’uu eeraniiru.

Waltajjicharratti hojiilee komishinichi hanga ammaatti hojjete irratti ibsi kennameera.

Dassaalenyi Biraarraatu Gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment