Hayyummaan gaaffiif qophii ta’uu qaba – Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Mudde 26, 2018 (FMC)- Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad hayyummaan dandeettii gaaffiif qophii ta’uu fi gaafachuuti jedhan.

Dooktar Abiy ayyaana hundeeffama waggaa 75ffaa Yuunivarsiitii Finfinnee irratti waraqaa qorannoo dhiyeessaniiru.

Yuunivarsiitii seenuun hayyoomaaf tarkaanfii tokko kan tarkaanfachiisu ta’ullee, bara baraan Yuunivarsiitii keessa jiraachuun hayyuu akka hinjechisiisne ibsaniiru.

Hayyuu kan jedhamu muummee barnootaa tokko irra darbee yaadota adda addaa irratti yaada kennuu fi keessummeessuu yoo danda’ee dha kan jedhan Dooktar Abiy, muummee tokko keessaa ba’uun hawaasaaf waan fayyadu gumaachuu danda’u akka ta’e hubachiisan.

Yeroo mara sirrii kan ta’e gaaffii qofa ta’uu fi deebiin garuu sirrii ta’ee akka hin beekne ibsan..

Roggeeyyiin hawaasaa, oggantoonni yaadaa fi hoggantoonni dhaabbilee wal irraa yoo baratan, aljennee deemuu nu dandeessisa jechuun ibsan.

Qaamoleen kanniin hawaasa jijjiiramaaf cufaa ta’e waan haaraa akka baratuu fi akka fudhatu barsiisuu ta’uu hubachiisaniiru.

Roggeeyyiin hawaasaa hanaasa jijjiiramaaf qophaa’aa ta’e uumuuf itti gaafatamummaati ga’een hoggansaa akka irraa egamu eeraniiru.

Hoggantoonni yaadaa yaada akka walirraa bitan eeranii, hoggansi kana sirriitti hin beekne garuu waan yaade milkeessuu akka hin dandeenye dubbatan.

Haggantoonni yaadaa kalaqaa fi beekumsaan nama barichaaf qopheessuun hojii isaanii guddaa akka ta’es kaasan.

Rakkoon amma Itoophiyaa keessatti mudachaa jiru waan harka keenyarra jiruu fi itti gaafatamummaa keenya wal’aaluu dhas jedhan.

Qabeenya harka keenyarra jiru beekuun furmaata waa hundaa ti jechuunis ibsaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment