Finfinnee, Qaammee 2, 2017 (FMC)- Heddumminni Faayaa fi Humna Itiyoophiyaati jedhe Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa .
Tajaajilli Kominikeeshini Mootummaa Qaammee 2 Guyyaa Gamtaa Sababeeffachuun ibsa baaseera.
Tajaajilichi Itiyoophiyaan eenyummaa heddumminaa isheen faayomtee, jabaattee fi sodaatamtee kan jiraattu, qabeenya uumamaa hedduus kan qabdu biyya dinqisiifatamtuu ta’uushee ibseera.
Heddumminni keenya dhoksaa jabina, qaroominaa, kabaja, walabummaa fi injifatamuu dhabuu keenyaati jedhe.
Bakkeewwan amanatii fi seenaa, qabeenyawwan ogummaa ijaarsa gamoo iddoo garaagaraatti argaman bu’aa danoomaa ta’uus eereera
Kanaafis Siidaa Aksuum, Dhagaa Dhaabbii Xiyyaa, Manneen Amantaa Laalibalaa, fakkiiwwan, Holqawwan, Masaraawwan Mootummmaa Gondaritti argamanii fi Masaraan Jagool mallattoo miidhagina danoomaa fi humna keenyaati jechuun ibseera.
Danoomni aadaa, afaanii fi ilaalchaas faayaa fi humna Itiyoophiyaa ta’uu kan eere Tajaajilichi, kunis biyyattiin sirnoota araaraa fi jaarsummmaa aadaan, afoolawwan adda addaa fi dudhaaleen kan ijaaramte ta’uu addeesseera.
Itiyoophiyaan aadaa, afaan, seenaa fi seenessa hawaasaan kan ijaaramte, dhugaa waloo uummattoota biyyattii ta’uu ishees kaasuun, haalli nyaataa, uffata fi Ibsa gaddaa halluu faayaa danooma Itiyoophiyaas ta’uu ibseera.
Kanaafis Qaammeen 2 “Danoomni faayaa Itiyoophiyaa” ergaa jedhuun guyyaa Gamtaa jedhamee akka kabajamu eeruun, danoomni faayaa qofa osoo hintaane, biyyattiif humna ta’u, waliin mar’achuun milkeessuun kan hindanda’amne akka hinjirre kaaseera.
Kanaaf ammo injifannoo Adwaa fi Hidha Haaromsaa Guddicha akka fakeenyaatti dhiyeeseera.
Itiyoophiyaan danoomaan faayamtee, humna danoomaan guddachaa, biyya abdii haaraa akka taatus hubachiiseera.
Barri olka’iinsaa ishees danoomaan faayaama jechuun ibseera.
#Oromia #Ethiopia