Finfinnee, Hagayya 29, 2017(FMC)- Hidha Haaromsaa Guddicha irratti namoota kuma shaniif carraa hojii uumuuf hojjetamaa jira jedhe Biiroon Hojiifi Ogummaa Naannoo Beenishaangul Gumuz.
Hogganaan Biirichaa Abdusalaam Shangal akka jedhanitti, mallattoo biyyaa Kan ta’e Hidhi Haaromsaa Guddichi osoo hin eebbisiifamiin dura damee oomisha qurxummii irratti carraan hojii uumamuu eegaleera.
Hanga ammaattis lammiileen waldaalee 52 jalatti gurmaa’an kumni 1 fi 446 carraa hojii uumameefiin mataa isaanii, maatiifi hawaasa isaanii fayyadaa jiraachuu kaasaniiru.
Yeroo itti aanuttis filmaatawwan hojii babal’isuun dameewwan oomisha qurxummii, geejjiba, hoteelaafi tuurizimii akkasumas jallisiin carraalee hojii dabalataa uumuuf karoorfamuu eeraniiru.
Bara baajataa 2018’tti lammiilee kuma 5’f carraa hojii uumuuf karoorfamee gara hojiitti galamuu ibsuusaanii TOI gabaaseera.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.