Finfinne, Hagayya 6, 2017 (FMC) – Jiraattonni godinaalee Wallaggaa arfan Hidhi Haaromsaa Guddichi eebbaaf ga’uu isaatiif gammaduu ibsaniiru.
Waancaan Hidha Haaromsaa Guddichaas magaalaa Naqamteetti jiraattoonni magaalattii fi godinaalee arfan irraa walitti ba’an bakka argamanitti simatameera.
Jiraattonni sagantaa kana irratti argamanis Faanaa Miidiyaa Korpooreshinitti akka himanitti, deggersi Hidhichaaf taasisan kan itti fufan yoo ta’u, hojiilee misoomaa biro keessattis dammaqinaan hirmaachuuf qophaa’oo dha.
Imala Waancaa Nageenyaa Hidha Haaromsaa Guddichaa akka Naannoo Oromiyaatti qindeessummaa Komishinii Poolisii Oromiyaafi Godinaaleen geggeeffamaa jiruun Godinaalee Wallaggaa arfan irraa deggersi maallaqaa Birrii miliyoonni 84 fi kuma 800 ol walitti qabameera.
Godinni Qellem Wallaggaa Birrii miiliyoona 27ol walitti qabuun Godinoota Wallaggaa Afran keessaa gahee olaanaa bahachuun himameera.
Galaanaa Tasfaatu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana
Tiktok: https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.