Finfinnee, Hagayya 6, 2017(FMC) – Komishiniin Haaromsa Biyyaalessaa hidhattoonni duraanii kumni 65 fi 500 ol adeemsa haaromsaan gara hawaasaatti deebi’aniiru jedhe.
Manni Maree Paartii Badhaadhinaa walga’ii tibbana gaggeesseen filmaatawwan nagaa walitti bu’iinsa hambisuu danda’an kallattii hundaan yaaluu fi hidhattoota karaa nagaan qabsaa’uu murteessaniif deeggarsa barbaachisu akka taasisu ibsuun isaa kan yaadatamudha.
Komishiniin Haaromsa Biyyaalessaa ibsa baaseen, murtoon paartichaa tattaaffii hidhattoota duraanii gara nageenyaatti fiduuf taasifamuuf haala mijataa uumuu ibseera.
Komishinichi hidhattoota duraanii waamicha mootummaa, jaarsolii biyyaa fi waliigaltee nageenyaa fudhachuun gara nagaatti dhufan humna misoomaafi nageenya biyyattii akka ta’aniif hojjechaan jira jedheera.
Baatii Sadaasaa 2017 asitti hidhattoonni duraanii kumni 65 fi 500 ol adeemsa haaromsaa keessa darbuun gara hawaasatti makamuu beeksiseera.
Kanneen keessaa kumni 53 fi 319 naannoo Tigraay, kumni 5 fi 365 naannoo Oromiyaa, kumni 5 fi 168 naannoo Amaaraa fi kumni 1 fi 712 ammoo naannoo Affaar irraa ta’uu eereera.
Giddugaloota haaromsaatti mootummaa federaalaafi naannoleerraa deeggarsi Birrii biiliyoona tokkoo fi miiliyoona 700 kennamuu yaadachiisuun, hedhattoonni duraanii sosochii diinagdee garaagaraa keessatti hirmaachuun waaraan akka of danda’aniif hojjetamaa jiraachuu kaaseera.
Hidhattoonni naannawaa kamittuu argaman waamicha uummataafi mootummaa fudhachuun sagantaa haaromsaa kanatti akka fayyadaman dhaameera.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.