Hidhi Guddichi Haaromsaa Itiyoophiyaa tokkoomnaan waan guddaa hojjechuun akka danda’amu ragaadha- Hayyoota

Finfinnee, Hagayya 16, 2017(FMC)- Hidhi Guddichi Haaromsaa Itiyoophiyaa yoo tokkooman waan guddaa hojjechuun akka danda’amu agarsiistuu guddaadha jedhan Hayyoonni.

Yuuniivarsiitii Siiviil Sarvisii Itiyoophiyaatti hayyuu Nageenyaa fi Bulchiinsaa kan ta’an Dooktar Margituu Dabalaan, Hidhi Guddichi Haaromsaa Itiyoophiyaa hirmaannaan hawaasaa mirkanoofnaan wanti hin hojjetamne akka hin jirre ragaa guddaa ta’uu ibsan.

Hidhichi hirmaannaa uummattoota Itiyoophiyaa hundaan waan ijaarameef tokkummaa sabdaneessummaa Itiyoophiyaa kan mul’isedhas jedhan.

Uummanni biyyattii deeggarsa biyya alaa malee humnaa fi qabeenya isaatiin hidhicha milkeessuun biyyoota biroof illee fakkeenya guddaa ta’uu himaniiru.

Waldaa Abukaatoo Oromiyaatti Ogeessi Seeraa Dooktar Fiixumaa Toleeraa gamasaaniin, Hidhichi aadaa hojii jijjiiruun namni tokko dhuunfaan hojjechuu kan hin dandeenye gamtaadhaan hojjechuu akka baratu taasisuus eeraniiru.

Gamtaadhaan yoo hojjetan diinagdee cimaa dhalootaa dhalootatti darbuu ijaaruun akka danda’amuuf fakkeenya ta’uus ibsaniru.

Hidhichi kan garee tokkoo osoo hin taane kan uummattoota biyyattii hundaati kan jedhan Dooktar Fiixumaan, uummanni biyyattii akkuma xiiqiin ka’ee ijaare xiiqiin eeguufi kunuunsuus qaba jedhan.

Akka qaamoleen alaa tokko tokko jedhan hidhichi biyyoota ollaaf yaaddoo osoo hin taane fayyadamummaa waloo kan mirkaneessu ta’uus hayyoonni kunneen yaadachiisaniiru.

Hidhichi, mirga qaama kamiiyyuu kan hin mine, bu’uura seera idil-addunyaa mirga qabeenya uumamaatti fayyadamuun kan ijaarame ta’uu hubachiisaniiru.

Ayyaanaa Dheeressaan.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment