Finfinnee, Fulbaana 12, 2018 (FMC) – Hidhi Guddichi Haaromsaa Itiyoophiyaa gamtaadhaan dhugoome agarsiistuu bara olka’iinsaa Itiyoophiyaati jedhan Pirezidaantii Itti aantuun Naannoo Hararii Aadde Roozaa Umar.
Hidhi Haaromsaa xumuramee eebbifamuu sababeeffachuun mata duree “Gamtaadhaan dandeenyeerra!” jedhuun naannoo Harariitti hiriirri deggersaa fi gammachuu ibsannaa geggeeffameera.
Adde Roozaa Umar wayituma kana akka jedhanitti, Hidhi Guddichi Haaromsaa Itiyoophiyaa injifannoo Adwaatti aanee seenaa injifannoo uummata gurraachaa tattaaffii waloo, dafqaa fi dhiiga Itiyoophiyaanotaan argameedha.
Hidhi Haaromsaa rakkoolee walxaxoo hedduu darbee dhugoome kun argisiistuu jaarraa olkaa’iinsaa Itiyoophiyaatis jedhan.
Pirojeektichi dhiibbaawwan alaa fi keessaa dandamatee liqaa fi deeggersa alaa tokko malee humna keessaan ijaaramuu danda’uun isaa yoo qindoomne pirojeektii guddaa kamuu raawwachuu akka dandeenyu kan mirkaneesse ta’uus kaasan.
Tasfaayee Haayiluutu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.