Hidhi Haaromsaa eenyummaa waloo fi asxaa tokkummaa injifannoo olka’iinsa Itiyoophiyaa bu’uuressedha – Obbo Awwaluu Abdii

Finfinnee, Onkololeessa 13, 2018 (FMC) – Hidhi Guddichi Itiyoophiyaa eenyummaa waloo fi asxaa tokkummaa injifannoo dhugaa olka’iinsa Itiyoophiyaa bu’uuressedha jedhan Itti Aanaan Pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Awwaluu Abdiin.

Mariin Gumii Balal marsaa 46ffaan geggeeffamaa jira.

Obbo Awwaluun maricharratti haasawaa taasisaniin, Injifannoon guddichi dhugaa Itiyoophiyaa sadarkaa Idil Addunyaatti olkaase kun wareegama qaalii lukkuu hanga lubbuutti dhalootni kun kaffaleen kan galmaa’edha jedhan.

Ijaarsichi akka pirojektoota biroo simmintoo, cirrachaa fi sibiila qofaan kan ijaarame osoo hin taane copha dafqaa, copha dhiigaafi copha immimmaanii eenyummaa Saboota, Sablammootaafi uummattootaan kan masakame ta’uu dubbataniiru.

Kana malees, cichoomina dippilomaasii olaanaa sadarkaa Idil Addunyaatti hojjetameen mormii shiraan guutame injifachuu eeruun, Pirojekticha xumuruu danda’amuu himaniiru.

Hidhi Haaromsaa guddichi Itiyoophiyaa ijaarsa Afriikanummaa jaarraa 21ffaa keessa bifa haaraan ilaalcha nan danda’a jedhuun deebi’ee akka ijaaramuu fi dammaqiinsi haaraan akka dhufuuf bu’uura kan kaa’e ta’uu eeraniiru.

Akkasumas humna, qabeenyaa fi beekumsa keenya qofaan gargaarsa alaa tokko malee Afrikaanotni seenaa haaraa dalaguu akka dandeenyuuf agarsiiftuu guddaa ta’uu dubbataniiru.

Amma Ajandaan keenya Hidha guddicharraa gara Ulaa Galaanaatti ce’eera kan kan jedhan obbo Awwaluun, kanaafis jalqabarra kan jiru osoo hin taane seeraanis seenaanis dhugaa qabannee karaa nagaatiin argachuuf hojii guddaan hojjetamaa jira Kanattis ni milkoofna jechuu isaanii ragaan BKO ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment