Finfinnee, Fulbaana 14, 2018 (FMC) – Hidhi Guddichi Haaromsa Itiyoophiyaa galmoota misooma waaraa Mootummoota Gamtoomanii milkeessuuf faayidaa guddaa qaba jedhan Pireezidaantiin FDRI Taayyee Atsiqasillaaseen.
Yaa’ii Waliigalaa Mootummoota Gamtoomanii 80ffaa irratti hirmaachaa kan jiran Pireezidaanti Taayyeen, Pireezidaantii Yaa’ii waliigalaa Anaaleenaa Beerbook waliin mari’ataniiru.
Maree isaaniin qormaatilee waqtaawaa addunyaa fi dhiibbaa hariiroo gam-hedduu irratti geessisaa jiru ilaalchisee yaada waljijjiiraniiru.
Pireezidaanti Taayyeen wayita kana akka jedhanitti, hariiroon gam-hedduu fi qajeeltoowwan nageenya waloo eegsisuuf tattaaffii qindaa’aa cimsuu barbaachisa.
Hidhi Haaromsaa Itiyoophiyaan dhiyeenya kana eebbisiiste bu’aa hedduu akka qabu ibsanii, keessumaa dhiyeessii humnaa qulqulluu guddisuun galmoota misooma waaraa Mootummoota Gamtoomanii milkeessuuf bu’aa guddaa akka qabu hubachiisaaniiru.
Hidhi Haaromsaa fi piroojektonni biroo tumsawwan naannawaa fi idil-addunyaa caalmaatti cimsuuf carraa gaarii fidanii dhufu jedhan.
Anaaleenaa Beerbook gama isaaniin qajeeltoowwan Chaartera Mootummoota Gamtoomanii kabajuu fi eeguun nagaa fi misooma mirkaneessuuf murteessaa ta’uu dubbataniiru.
Misooma Itiyoophiyaa, naannawaa fi nageenya naannawichaa dabalatee dhimmoota naannawaa xiyyeeffannoo barbaadanirratti mari’ataniiru.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.