Hidhi Haaromsaa Guddichi Ashaaraa Uummata Itiyoophiyaa mallattoo milkaa’inaa uummata Afirikaa ti – Dooktar Diimaa Nogoo

Finfinnee, Hagayya 2, 2017(FMC) – Hidhi Haaromsaa Guddichi ijaarsi isaa humna keessoon xumuramee eebbaaf qaqqabuun milkaa’ina guddaa uummanni biyyattii galmeessise ta’uu Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataatti Walitti Qabaan Koree Dhaabbii Dhimmoota Nageenyaa fi Hariirroo Alaa Dooktar Diimaa Nogoo ibsan.

Dooktar Diimaan Faanaa Poodkaasti waliin turtii godhaniin, Itiyoophiyaan gargaarsa tokko malee humna ofiin ijaarsa hidhichaa xumurtee eebbaaf qaqqabsiisuun milkaa’ina guddaa biyyattii irra darbee Afrikaanotaaf muuxannoo ta’ee dha jedhan.

Yaa’a Lagichaa keessaa % 85 ol qooda kan qabdu Itiyoophiyaan lagicha hiitee itti fayyadamuuf karoorri barootaaf qabatte, tumsa uummataan dhugoomee gargaarsa tokko malee milkaa’uun injifannoo seena qabeessa ta’uu dubbatan.

Itiyophiyaan lagicha keessaa qooda guddaa qabaattu karaa haqa qabeessaan biyyoota yaa’ichaa gara gadii waliin fayyadamuuf ejjennoon qabatte milkaa’ina hojii dippilomaasii hidhicharratti hojjetame milkeessuus kaasan.

Maallaqa hidhicha ijaaruuf ooleen walqabtees ololli qaamoleen tokko tokkoon geggeeffamu ilaalcha dhuunfaa fi tuffii uummata Afrikaaf qaban irraa kan maddu ta’uu eeranii, fiixaan ba’iinsa isaa irratti garuu dhiibaa fidu akka hin qabne himaniiru.

Piroojektichi biyyoota ollaas kan fayyadu ta’uu kan dubbatan Dooktar Diimaan, biyyoonni ollaas akkasuma waan qabaniin biyyattii bira dhaabbachuun tumsa waloon guddachuu akka dhugoomsan hubachiisaniiru.

Ammas milkaa’ina waaraa pirojeektota akkanaaf lammiileen biyyattii biyya keessaa fi ala jiraatan fi miidiyaaleen waan danda’aniin hojii dippilomaasii kana tumsuu qabus jedhan.

Hidhaan kun Ashaaraa Uummata Itiyoophiyaa hundaa ti kan jedhan Dooktar Diimaan, kun akka muuxannoo tokkootti fudhatamee pirojeektota akkanaa biroo ijaaruuf tumsaan hojjechuun murteessaa ta’uu dubbataniiru.

Yoonaataan Biraanuutiin.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana
Tiktok: https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment