Finfinnee, Fulbaana 4, 2018(FMC)- Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen Hidhi Haaromsaa Guddichi bayyanachuu Itiyoophiyaaf bu’uura ajaa’ibsiisaadha jedhan.
Eebbifamuu Hidha Guddicha Haaromsaa Itiyoophiyaa sababeeffachuun hiriirri deeggarsaa Finfinnee Addabaabaayii Masqalaatti gaggeeffamaa jira.
Aadde Adaanech Abeebeen haasawaa sagantaa kanarratti taasisaniin, guyyaa har’aa uummanni magaalaa Finfinnee hundi sagaleefi ejjennoo tokkoon, tokkummaa sabdaneessummaan ashaaraa cululuqaa fi milkaa’ina waloo keenyaa kan ta’e xumuramuu Hidha Haaromsaaf gammachuu dhageessisuu fi uummata keenya goota ta’e galateeffachuuf Addabaabaayii Masqalaatti walgeenyeerra jedhan.
Hoggantoota gootawwan injifannoo guddaa bara kanaaf nu gahan, gootawwan ijoollee Itiyoophiyaa wareegama dhiigaafi lubbuu kaffalan, ijoollee Itiyoophiyaa osoo hin sassatiin waan qaban kennan hundaaf galataafi kabajatu mala jedhan.
Harka Abbaayiin ijaaran, wayita dhiibbaan idil-addunyaa nutti jabaate gaaffii fayyadamummaa haqa qabeessa Itiyoophiyaa qabatanii waltajjiiwwan idil-addunyaa hundarratti gahumsaafi dhugaan falmaniif galata dhiyeessaniiru.
Miidiyaalee, aktiivistootaafi hayyoota dhugaa biyya isaaniif miidiyaalee hundatti fayyadamuun dhugaa biyya isaanii tamsaasaa turanis galateeffataniiru.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.