Finfinnee, Fulbaana 6, 2018(FMC)- Ministirri Muummee Itti aanaan obbo Tamasgeen Xurunaan Hidhi Haaromsaa mallattoo guddummaafi waltumsuuti jedhan.
Obbo Tamasgeen Xurunaa ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, hiriirri deeggarsaa uummanni guyyaa har’aa Naannoo Amaaraa magaalota garaagaraatti bahe hiikkaa hedduu kan qabu ta’uu ibsaniiru.
Uummanni naannichaa hiriira Kanaan jechaafi gochaan misoomaaf loogu isaa agarsiiseera jedhan.
Hiriirri kun akkuma Abbaay galma guddaaf ida’amuu, qormaatilee injifannoon darbuufi wareegama misoomaaf kaffalame kabajuu kan ibsu ta’uus eeraniiru.
Hiriironni uummataa gurguddoon akka kanaa yeroo itti aanutti misooma gurguddaa Itiyoophiyaaf kan nu jajjabeessudha jedhaniiru.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.