Finfinnee, Qaammee 4, 2017(FMC) – Hidhi Haaromsaa qabeenya, dafqa, beekumsa fi dhiiga Itiyoophiyaanotaan kan milkaa’e bu’aa cichoominaa ti jedhe Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa.
Tajaajilichi akka ibsetti Itiyoophiyaan ammaan booda qabeenya uumamaasheetti haqaan fayyadamti malee teessee hin ilaaltu.
Afrikaa keessattis Hidha Guddaa kan qabdu malee laga dheeraa kan qabdu garuu teessee kan ilaaltu miti jedheera.
Hidhi Haaromsaa humni danoomaa qindoomee kan ittiin mul’ate, tattaaffii fi injifannoon bara baraan seenaa fi siyaasa addunyaa kan jijjiiru Itiyoophiyaa irraa kan maddu ta’uu ragaa kan ba’e ta’uus ibseera.
Itiyoophiyaanonni, rakkoolee uumamaa fi namtolchee walxaxoo Jaarraa 19ffaa keessa turan keessa darbuun xonboora injifannoo Adwaa addunyaaf kan ibsan ta’uu kan eere Tajaajilichi, injifannichi boqonnaa seenaa qabsoo farra kolonummaa addunyaa ta’uus ibseera.
Jaarraa 21ffaattis Adwaa 2ffaa dhugoomsineerra jedheera.
Injifannoon kun Injifannoo seenessa hindanda’an jedhu gara nidanda’uutti jijjire injifannoo Itiyoophiyaanotaa ta’uus hubachiise.
Qoqqoodaminsa shira baandotaa fi diinotaan nugidduutti uumame fi waliigalteewwan bara kolonummaa walta’anii hambisuu kan hindandeenye ta’uus ibseera.
Biyyattiin Humna misoomaa akka qabduu fi Afrikaan akka of dandeessu kan dhugoomse, humna haaraa maddisiisuun maddoota humnoota naannoo faalan kan hanbise, addunyaanis deggeruun kan itti ture pirojeektii addaa tattaaffii waloottiin dhugoome ta’uus himeera.
Hidhichi biyyoota yaa’aa gadiifis fayyadamummaa haqa irratti hundaa’e akka qabaataniif fakkeenya ta’uus kaaseera.
Biyyoota kanneeniif wabii isaanii lolaa irraa isaan eegu, bishaan duraa badaa tures kan kunuunsuuf, akkasumas hidhi isaanii biyyoon akka hinguutamne kan eeguu fi bishaan hurkaan akka duraa hindhumneef kan kunuunsuuf ta’uu ibseera.
Humnoonni hidha kana gufaachiisuuf yaalaa turan akka hindandeenyes yaadachiisee, biyyoonni yaa’a gadiis uummata hamilee fi duudhaa qabu ta’uu beekanii akka tumsan hubachiiseera.
Hidhichi kanaaf agarsiistuu tokko ta’uu ibseera.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.