Hidhi Haaroomsaa Piroojektii Afrikaan ittin boontudha- Dooktar Injiinar Haabtaamuu Ittafaa

Finfinnee, Hagayya 8, 2017 (FMC)- Hidhi Guddichi Haaroomsaa Itiyoophiyaa dandeettii mootummaa akkasumas hirmaannaa Itiyoophiyaanoota biyya keessaa fi alaa jiraataniin kan ijaarame Piroojektii madda annisaa Afrikaan ittin boontudha jedhan Ministirri Ministeera Bishaanii fi Inarjii Dooktar injiinar Haabtaamuu Ittafaan.

Dooktar Injiinar Habtaamuu Ittafaan Yaa’ii Invastimantii Bishaanii Afrikaan Marii Paanaalii Ministirootaa, Afrikaa Kibbaa Magaalaa Keeptaawunitti gaggeeffamaa jirurratti Hidha Guddicha Haaromsaa ilaalchisee ibsa kennaniiru.

Ibsa isaaniin,Hidhi Guddichi Haaromsaa Itiyoophiyaa invastimantii damee dhuunfaaf lafee dugdaati jedhan.

Hidhi Guddichi Haaromsaa Itiyoophiyaa bara mootummoota darbanii keessa akka eegalamuuf Itiyoophiyaan dhaabbilee maallaqaa idil addunyaa deeggarsa baajataa fi liqaa gaafattee argachuu waan hin dandeenyeef dhaloonni itti aanu hojjechuu akka danda’u amanuun dhaloonni har’aa eeguuf dirqameera jedhan.

Hidhichi guutummaan wayita hojii eegalu dandeettii humna maddisiisuu meegaa waattii kuma shaniifi 150 kan qabu ta’uu eeranii, hojii ijaarsa isaarratti abbootiin qabeenyaa dhuunfaa kallattiin hirmaachuun ashaaraa isaanii kaa’uu himaniiru.

Hidhichi anniisaa maddisiisuurra darbee utubaa ce’umsa diinagdee isa ijoo ta’uus kaasaniiru.

Pirojektichi wayita xumuramu irra jireessaan damee diinagdee dhuunfaaf carraa invastimantii guddaa kan uumu, kanaaf ammoo agarsiistuun galmoota misooma waaraa keessatti dhiyeessiin bishaaniifi humna elektirikaa lafee dugdaa ta’uun galmoota biroo kan tajaajilan ta’uu hubachiisaniiru.

Gama biraan Itiyoophiyaan walitti hidhamiinsa humna elektirikaa naannawaa uumuu keessatti olaantummaan gahee ishee bahachaa akka jirtus yaadachiisaniiru.

Ibsa kana hordofee Ministiroonni Bishaanii fi hoggantoonni olaanoon mootummaa biyyoota garaagaraa yaa’icharratti hirmaatan Dooktar Injinar Habtaamuu Ittafaa waliin marii gamlamee taasisuuf gaaffii dhiyeessuu Ministeerri Bishaaniifi Inarjii ibsa Faanaa Diijitaaliif ergeen ibseera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment