Finfinnee, Qaammee 4, 2017(FMC) – Hidhaan Guddichi Haaromsa Itiyoophiyaa mallattoo fi fakkeenya Afrikaanoota hundaati jedhan Pireezidaantiin Keeniyaa Wiiliyaam Ruutoon.
Piroojektoonni akkasii biroon akka babal’atan bu’uura kan kaa’u ta’uu eeran.
Pireezidaantiin Wiiliyaam Ruutoon sagantaa eebba Hidha Guddicha Itiyoophiyaa har’a Gubaatti gaggeeffameerratti argamuun ergaa dabarsaniin hidhichi Afrikaan carraa ishee murteeffachuun akka dandeessu agarsiiftuudha jedhan.
Hariiroo obbolummaa, tumsaa fi mul’ata waloo biyyoota yaa’a laga abbayyaa cimsuu keessatti qooda olaanaa qabaachuu eeran.
Keeniyaan deeggartuu ijoo Itiyoophiyaa ta’uun akka itti fuftu mirkaneessan Pireezidaanti Wiiliyaam Ruutoon.
Piroojektiin Hidha Guddicha Haaromsa Itiyoophiyaa piroojektii biyya tokkoo qofa osoo hin taane mallattoo Paan Afrikaanizimiiti jedhan.
Anniisaa Hidha Guddicha Haaromsaarraa maddu bituuf Ministira Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad waliin dubbachuu eeran.
Milkaa’ina seena qabeessa kanaaf ummataafi Mootummaa Itiyoophiyaan baga gammaddan jedhan.
Yoonaas Geetinnatiin
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.