Finfinnee, Qaammee 4, 2017(FMC) – Pireezidaantoonni naannolee Itiyoohiyaa adda addaa eebbifamuu Hidha Guddicha Haaromsa Itiyoophiyaa hordofee ergaa baga gammaddanii dabarsaniiru.
Hidhichi seenaa hiyyummaa haquun boqonnaa haara imala badhaadhinaa kan itti eegalluudha jedhan Pireezidaantiin naannoo Afaar obbo Awwal Aarbaan.
Bu’aa ba’ii heddu booda firiin Itiyoohiyaanootaa kan itti milkaa’e injifannoo seenaa addaa ta’uu dubbatan.
Itiyoophiyaanoonni Dhiibbaa dippiloomaasii dandamachuun Bishaan gara ibsaatti jijjiiraniiru jedhan Pireezidaantiin naannoo Sidaamaa obbo Dastaa Leeddamoon ergaa dabarsaniin.
Mallattoo tokkummaa, cichoominaa fi jalqabbii bayyanannaati jedhan.
Seenessa hindanda’amuu kan jijjiire carraaqqii, dhiiga, dafaqaa fi qabeenya Itiyoophiyaanoota hundaa ta’uu kaasan.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.