Hindiifi Paakistaan dhukaasa dhaabuuf waliigalan

Finfinnee, Caamsaa 2, 2017(FMC) – Hindiifi Paakistaan waliigaltee dhukaasa dhaaburra gahuu Pireezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraampi ibsan.

Doonaald Tiraampi ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, biyyoonni lameen waliigalteerra kan gahan jaarsummaa Ameerikaan ta’uu eeraniiru.

Biyyoonni lameen waliigalteerra waan gahaniifis Doonaald Tiraampi galateeffataniiru.

Abeel Niwaayiin.

Comments (0)
Add Comment