Hiriirri deggersaa Naannoo Oromiyaatti geggeeffame humna waltumsuun raawwachuu kan argisiiseedha- Obbo Tamasgeen Xurunaa

Finfinnee, Fulbaana 7, 2018 (FMC) – Hiriirri deggersaa Naannoo  Oromiyaa magaalota adda addaatti geggeeffame gammachuurra darbee humna waltumsuun raawwachuu danda’uu kan argisiiseedha jedhan Ministirri Muummee Itti Aanaan Obbo tamsageen Xurunaa.

Obbo Tamasgeen fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin ergaa dabarsaniin,  Hidhi Haaromsaa uummata Naannoo Oromiyaa qabeenya akka agartuu ijasaatti kunuunsuu fi misoomsuu beekuuf hiika addaa qaba jedhan.

Bishaan dudhaalee jireenyaa fi aadaa uummata Oromoon walitti hidhamiinsa guddaa kan qabu halluu eenyummaa isaa ta’uus ibsan.

Hidha Haaromsaa Laga guddaa Abbayya irratti ijaarameef har’a hiriirri deggersaa magaalota  naannichaa adda addaa keessatti geggeefame gammachuu irra darbee dandeettii waltumsuun raawwachuu kan argisiisu akka ta’es ibsaniiru.

Sagaleewwan hiriirawwan deggersaa kanneen irratti dhaga’aman misooma hawwuu, nageenya baay’isanii barbaaduu, ida’amuun injifannoowwan bara Olkaa’iinsa Itiyoophiyaa cimsuuf fedhii jiru akka ta’es ilaalleerra jedhan.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment