Hirmaannaa dargaggootaa filannoo keessatti cimsuun dimookiraasii dagaagsuufi nageenya filannoo mirkaneessuudha – Waldaa Dargaggoota Oromiyaa

Finfinnee, Amajjii 22, 2018 (FMC) – Dargaggootni egeree biyyaa waanta’aniif hirmaannaa dargaggootaa filannoo keessatti cimsuun dimookiraasii dagaagsuufi nageenya filannoo mirkaneessuudha jedhe Waldaan Dargaggoota Oromiyaa.

Filannoon nagaafi haqa-qabeessi wabii dimokiraasii, nagaafi tasgabbii biyyaa ta’uu ibse.

Dargaggootni egeree biyyaaf murteessaa waanta’aniif hirmaannaa dargaggootaa filannoo keessatti cimsuun dimookiraasii dagaagsuufi nageenya filannoo mirkaneessuuf shooraa olaanaa qaba jedhan Pireezidaantiin Waldaa Dargaggoota Oromiyaa Dargaggoo Ahimadnuur Aliyyiin.

Kanaafis qindoominni jaarmiyaalee dargaggootaa daran cimuu akka qabu eeran.

Dargaggoonni karaa qindoomina, si’oominaafi quuqama qabuun adeemsa filannoo marsaa 7ffaa keessatti hirmaachuu fi carraa filachuu argachuuf qophaa’uutu irra jira jedhan Hoggantuun Biiroo Dargaggoofi Ispoortii Oromiyaa Aadde Roozaa Biyyaan.

Waldaan dargaggootaa siyaasa kamii irraa bilisa waan ta’eef dirree shaakala dimokiraasii isa guddaadha kan jedhan Aadde Roozaan, milkaa’ina filannoo marsaa 7ffaa keessatt ga’ee adda durummaa isaanii ba’achuu akka qaban hubachiisan.

Waldaan Dargaggoota Oromiyaa filannoo marsaa 7ffaa bara kana gaggeeffamu ilaalchisee dargaggoota godinaaleefi bulchiinsa magaalota garaagararraa walitti dhufaniif mata duree ” Hirmaannaa Dargaggootaa Filannoo Nagaafi Haqa Qabeessaaf “jedhuun Adaamaatti leenjii hubannoo cimsuu kennaa jiraachuu Daayrekterri Kominikeeshinii Biiroo Dargaggoo fi Ispoortii Oromiyaa obbo Rabbiyyuu Tamaam Faanaa Diijitaalitti himaniiru.

Siifan Magarsaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment