Finfinnee, Qaammee 3, 2017 (FMC)- Hirmaattonni yaa’ii 2ffaa Hoggantoota Biyyoota Afrikaa- Kaaribiyaanii daawwannaa hojiif Shaashamannee galaniiru.
Hirmaattonni kunneen wayita buufata xiyyaaraa Hawaasaa gahan hoggantoonni olaanoo Mootummaa simannaa taasisaniifiru.
Lammiileen Jaamaayikaa biyyaa Kaaribiyaanii ta’an Magaalaa Shaashamannee akka jiraatan ni beekama.
Hirmaattonni yaa’ichaa kunneen Lammiilee Jaamaayikaan wal arguuf lammiilee biyyoota Kaaribiyaanii biroon Shaashamanneetti kan argaman ta’uun ibsameera.
Yaa’iin 2ffaa Biyyoota Afrikaa- Kaaribiyaanii guyyaa kaleessaa magaalaa Finfinneetti gaggeeffamuun ni yaadatama.
Geetaachoo Mul’ataatu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.