Hirmaattonni Yaa’ii 2ffaa Sirna Nyaataa Mootummoota Gamtoomanii Moojootti Horsiisa Lukkuu daawwatan

Finfinnee, Adoolessa 20, 2017 (FMC)- Keessummoonni Yaa’ii 2ffaa Sirna Nyaataa Mootummoota Gamtoomaniirratti hirmaachuuf dhufan Magaalaa Moojootti Horsiisa lukkuu fi qindesssa lukkuu daawwataniiru.

Itiyoophiyaan yaa’ii 2ffaa sirna nyaataa Mootummoota Gamtoomanirratti wabii nyaataa mirkaneessuu fi fooyyeessii sirna nyaataarratti hojiilee hojjatamanirratti muuxannoo ni qooddi.

Misooma qamadii bonee, Maaddii Guutuu fi Sagantaa Ashaaraa Magariisaan hojiileen bu’aa qabeessi raawwatamaa jiraachuun eerameera.

Keessummoonni kunneen bakka horsiisaa fi qindeessa Lukkuu Moojoo, oomishaa Avookaadoo fi kanneen biroo daawwataniiru.

Itiyoophiyaan oomisha lukkuu fi Avookaadoo faayidaa biyya keessaa irra darbee biyya alaaf dhiyeessaa jiraachuus daawwannicharratti ibsameera.

Sa’aadaa Geetaachootu gabaase.

Comments (0)
Add Comment