Finfinnee, Guraandhala 6, 2018 (FMC) – Hirmaattonni yaa’ii hoggantootaa Gamtichaa filannoowwan inveestimeentii Itiyoophiyaa akka ilaalan waamichi dhiyaate
Itiyoophiyaatti ajandaawwan fooyya’iinsa dinagdee biyya keessaa, inveestimeentii kallattii biyya alaa, zoonota dinagdee addaa ammayyaa’oo , walga’iinsa rakko maleessa gabaawwan Afrikaa fi idil addunyaaf haalli miijataan jiraachuun ibsameera.
Hoggansa tarsiimawaa ittifufiinsa irratti xiyyeeffateen hogganamuu fi Hidhaa Haaromsaa Guddicha irratti humna haaromfamaa, babal’ina bu’uuraalee misoomaa dijiitaalaa fi kenniinsa tajaajila telekominikeeshiniin hojiiwwan gurguddoon hojjetamuunis eerameera.
Dabalataanis humni nama barateen qonnaa, maanufaakcheringii, ‘E-Commerce’, albuudaa fi fuuncaa sonaa naannawaa cimsuu fi badhaahdina waloo Afrikaa guddisuu ilaalchisee hojiiwwan hojjetaman dhiyeessuu ishee odeeffannoon waajjira Ministira Muummee irraa argame ni mul’isa.
Yaa’iin Hoggantootaa Gamtaa Afrikaa 39ffaan mata duree “Sirnoota dhiyeessii bishaanii itti fufaa fi eegumsa qulqullinaa nageenyi isaa eegamee mirkaneessuu, milkaa’ina galmoota ajandaa 2063f ” jedhuun Sanbataa fi Dilbata dhufu geggeeffama.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.