Finfinnee, Adoolessa 20, 2017 (FMC)- Hirmaattoonni Yaa’ii 2ffaa Sirna Nyaataa Mootummoota Gamtoomanii hojiilee Itiyoophiyaan Tiraansfoormeeshinii nyaataan hojjechaa jirtu daawwataniiru.
Haaluma kanaan Magaalaa Finfinnee Lammii Kuraatti Giddugala Gurgurtaa fi Kuusaa oomishaalee Qonnaa ammayyaa fi mana Baruumsaa sadarkaa tokkoffaan duraa fi Sadarkaa 1ffaa Daajaazmaach Waandiraad daawwataniiru.
Hirmaattoonni kunneen Sagantaa Ashaaraa Magariisaan biqiltuus dhaabaniiru.
Gizaachoo Girmaayeetu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna..