Hoggansi sadarkaan jiru haala barame keessaa bahuun gaggeessummaa qajeeltoo fi ilaalama Mootummaa Ida’amuutiin masakame kennuu qaba – Pir.Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Sadaasa 18, 2018 (FMC) – Hoggansi sadarkaan jiru haala barame keessaa bahuun gaggeessummaa qajeeltoo fi ilaalama Mootummaa Ida’amuutiin masakame kennuun badhaadhina hunda galeessa sadarkaa biyyaaleessatti mirkaneessuuf hojiiwwan hunda kalaqaa fi ariitiin raawwachuu qaba jedhan Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaan.

Leenjiin Hoggansa Badhaadhinaa Naannoo Oromiyaaf mata duree “Ilaalama Mootummaa Ida’amuutiin Guddina dameelee” jedhuun guyyoota saddeettan darbaniif wiirtuulee leenjii jahatti kennamaa ture qajeelfama hojii Pireezidaanti Shimallis Abdiisaa kennaniin xumurameera.

Pireezidaanti Shimallis Abdiisaan Leenjii hoggansa Badhaadhinaa guyyoottan saddeettan darbaniif matadureewwan Ilaalma mootummaa Ida’amuutiin cehumsa qonnaa fi baadiyyaa, guddina Indaastrii Oomishaa, guddina magaalaa fi Tuuriizimii jedhan irratti kennaman erga guduunfaniin booda hoggantoota leenjii marsaa kanaa irratti hirmaataniif qajeelfama hojii kennanii jiru.

Galmootaa fi mul’ata Mootummaa Ida’amuu bu’aa qabatamaan mirkaneessuuf, hoggansi badhaadhinaa sadarkaa hundatti argamu mootummaa fi ummata qabatamaan amala mootummaa ida’amuutiin masakaman ijaaruuf hojjechuu akka qabus ibsaniiru.

Haaluma Kanaan mootummaa amala mootummaa Ida’amuun masakame, hoggansaa fi sivil-sarvaantii tajaajilaa, hojimaataa fi seeroota, imaamatootaa fi tarsiimoowwan, sagantaalee ifa ta’anii fi raawwachiisuu danda’an kan qabuu fi dandeettiin raawwachiisuu isaa sadarkaa olaanaatti kan guddate ta’uu qaba jedhan.

Qusannaan mootummaa fi dhuunfaa akka guddatu, investimantiin akka babal’atuuf baadiyyaa fi magaalaatti aadaan qusannaa akka jijjiiramuuf hojjetamuu qaba kan jedhan obbo Shimallis.

Wabii miidhaan nyaataatiin, baasii mootummaa fi fedhiiwwan bu’uuraatiin of danda’uuf hoggansi gaggeessummaa xiiqiin dabaalame kennuun injifannoo itti fufiinsa qabuu fi dhuma hin qabne galmeessaa deemuun akka irra jiraatu dhaamaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment