Finfinnee, Onkololeessa 30, 2018 (FMC) – Hoggantoonni murannoo, kalaqa, saffisaa fi qulqullinaan hojjechuun badhaadhina hunda galeessa mirkaneessuu qabu jedhan Pireezidaantiin Paartii Badhaadhinaa fi Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad.
Leenjiin hoggantoota Olaanoo Paartii Badhaadhinaaf mata duree ‘Ilaallama mootummaa ida’amuu, guddina dameewwaniitiif’ jedhuun Onkololeessa 19 – 30, 2018tti magaalaa Finfinnee fi Adaamaatti dhimmoota adda addaarratti kennamaa ture.
Dooktar Abiy cufiinsa leenjichaarratti argamuun kallatti hojii kennaniiru.
Hoggantoonni murannoo, kalaqa, saffisaa fi qulqullinaan hojjechuun badhaadhina hunda galeessa mirkaneessuun murteessaa ta’uu eeran.
Gaaffilee ummataa deebisuurra darbee mul’ata biyyaa milkeessuu fi badhaadhina hundagaleessa akkaataa mirkaneessuu danda’uun hogganuun akka irraa eegamu hubachiisan.
Dhaloonni ida’amuu daandii gara badhaadhinaa ta’uu himan.
Mootummaan Ida’amuu badhaadhina biyyaaf imaanaa ta’uu himan.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.