Hoji dhabdummaa magaalicha keessatti mul’atu hir’isuuf hojjetamaa jira – Waajjiricha

Finfinnee, Mudde 21, 2018(FMC) – Magaalaa Shaggaritti hoji dhabdummaa bal’inaan mul’atu hiri’isuuf xiyyeeffannaan hojjetamaa jire jedhe Waajjirri Carraa Hojii Uumuu fi Ogummaa magaalaa Shaggar.

Itti gaafatamaan waajjirichaa obbo Fiqaaduu Tulluu Faanaa Dijiitaalitti akka himanitti, mootummaan Ida’amuu mul’atni biyya ceesisuuf qabate akka milkaa’uuf tarsiimoo misooma magaalaa diriirse keessatti hiyyummaa magaalota keessatti mul’atu dhabamsiisuun dhimma xiyyeeffannaa argatee dha.

Akka magaalaa shaggarittis dhimma xiyyeeffannaa guddaa argate kana lafa qabsiisuuf filmaatawwan jiran adda baasuun hojidhabdoonni akka gurmaa’anii hojjetaniif karoorri qabamee hojiirra oolaa jira.

Haaluma kanaan bara 2018 kanatti akka magaalichaatti hojidhabdoota kuma 300 fi kuma 10 ta’aniif gurmii fi qacarriin carraa hojii uumuuf karoorafameera.

Hanga ammaattis kuma 100 fi kuma 67 ol hojiitti galchuun kan danda’ame yoo ta’u, kanneen hafan kurmaana hafe keessatti raawwachuun karooricha milkessuuf xiyyeeffanaan ni hojjetama jedhan.

Magaalaan Shaggar sababoota carraa hojii barbaaduu fi kanneen biroon bakka hoji dhabdoonni irra caalaan dargaggoota ta’an itti heddummatan akka ta’es obbo Fiqaaduun dubbataniiru.

Waldaalee gurmaa’anii hojiitti galaniif tajaajila faayinaansii, leenjii fi bakkeewwan oomishaa fi gurgurtaa miijessuun deggersi barbaachisaa ta’e kennamaa akka jirus himan.

Haaluma kanaan baatiiwwan ja’an darban keessa tajaajilli liqii Birrii biiliyoona lama ta’u miijachuufii eeranii, kunis qusannaa fi karoora hojii waldaalee bu’uureffatee kan kenname ta’uu kaasan.

Indaastriiwwan godoo meeshaalee tekinooloojii haaraa barbaadaniifis maashinoonni adda addaa kumni 1 fi 492 liqaadhaan kan kennameef yoo ta’u, ammas fedhiin waldaalee adda ba’ee karaa baankii liqaan akka bitamuuf hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru.

Hojii dhabdoonni kunniin eebbifamtoota yuuniivarsiitotaa dabalatee qaamolee hawaasaa hunda kan hammate ta’uu kan dubbatan Obbo Fiqaaduun, ammallee fedhii gurmii fi dhiyeessii jiruun walqabatee hojii guddaa waan gaafatuuf gara fuula duraatti qaamolee adda addaa wajjin qindoomuun akkaataa tarsiimoo misooma magaalaa hojiirra oolaa jiruun hojidhabdummaa hir’suuf kan hojjetamu ta’uu kaasan.

Kanaafis kutaa magaalaa Kooyyee Faccee aanaa Waddeessaatti manneen jireenyaa waliinii keessatti iniisheetiivii sheedii sochootuu tokko nama shaniif jedhuun hojiin hojjetamaa jiru fakkeenya ta’uu eeraniiru.

Hojidhabdoonni koree manneen jireenyaa waliiniin adda baafamanii calalamuun hojii gurmeessuu hojjetame kanaan guyyaa tokkoon hanga namoota kuma 8 hojiitti galchuun akka danda’ame kan kaasan obbo Fiqaaduun, muuxannoo kana babali’suuf kan hojjetamu ta’uu mirkaneessaniiru.

Ammas qaamoleen hawaasaa sadarkaa adda addaa hojii hinqabne carraa mootummaan miijesseef kanatti fayyadamuun gurmiinis ta’e dhuunfaan hojii uummatanii duula hiyyummaa balleessuuf duulamaa jiru tumsuun guddina biyyattii mirkaneessuu keessatti ga’ee irraa eegamu akka ba’an dhaamaniiru.

Yoonaataan Biraanuutiin

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment