Finfinnee, Hagayya 8, 2017(FMC)- Ministeerri Pilaaniifi Misoomaa hojiileen Itiyoophiyaan jijjiirama qabeenya qilleensaa ittisuuf hojjette bu’aa qabatamaa fidaniiru jedhe.
Ministir Deetaan Ministeera Pilaaniifi Misoomaa Siyyum Mokonnin, hojii jijjiirama qabeenya qilleensaa ittisuuf hojjetamaa jiru keessatti Itiyoophiyaan qooda ishee bahachaa jirti jedhan.
Hojiileen gama Kanaan hojjetamaa jiranis bu’aa qabatamaa fiduufi Itiyoophiyaan biyyoota biroof fakkeenya ta’aa dhufuu ibsaniiru.
Itiyoophiyaan torbanoota dhufan keessa yaa’iiwwan idil-addunyaa akka qopheessitu himuun, kanneen keessaa Yaa’ii 2ffaan Jijjiirama Qilleensaa Afrikaa tokko ta’uu hubachiisan.
Yaa’ichaan muuxannoon Itiyoophiyaa addunyaaf kan ibsamuufi hojiileen hojjetamaa jiran daran cimanii akka itti fufaniif murtoon kan darbu ta’uus ibsaniiru.
Milkaa’ina yaa’ichaaf qaamoleen qooda fudhattootaa dhuunfaa gaheesaanii akka bahatan waamicha dhiyeessaniiru.
Salamoon Yittaayyawutu Gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.