Finfinnee, Adoolessa 26, 2017(FMC) – Ministirri Tajaajila Komunikeeshinii Mootummaa Dooktar Laggasaa Tulluu
hojii miidiyaa fi komunikeeshinii haala jijjiiramaa fi kallattii biyyoolessaa tilmaama keessa galchu irratti xiyyeeffachuun barbaachisaa dha jedhan.
Waltajjiin marii raawwii hojii bara baajataa 2017 fi karoora bara baajata 2018 irratti xiyyeeffate
guyyoota lamaaf gaggeeffamaa ture xumurameera.
Dooktar Laggasaan akka jedhanitti, hojii miidiyaa fi komunikeeshinii haala yeroo irratti hundaa’uun diinagdee Itiyoophiyaa cimsuu irratti xiyyeeffachuun barbaachisaa dha.
Dhimmoota karoorri damichaa bara baajataa kana keessatti irratti xiyyeeffachuu qabu kaa’aniiru.
Odeeffannoo, karoora, raawwii fi bu’aa mootummaa ummata bira ga’uuf xiyyeeffannoo addaatiin kan hojjatu ta’uu cimsanii dubbataniiru.
Adeemsa, fayyadamummaa fi hirmaannaa pirojektoota mootummaa irratti xiyyeeffannoo addaa kennuun akka hojjetanis akeekaniiru.
Nageenya cimsuu, balaawwan mudatan dafanii adda baasuu fi xiinxaluu, jalqabbii adda addaa hojiirra oolchuu, diinagdee fi haaromsa guddisuu, ummata hirmaachisuun barbaachisaa ta’uu cimsanii dubbataniiru.
Guddinni dandeettii raawwii waliigalaa mootummaa, fooyya’iinsi guddaan raawwii pirojeektii, bu’aa ba’ii tattaaffii haaromsaa, fi injifannoowwan gama dippiloomaasiin galmaa’an bu’uura hojii damichaa ta’uu ibsaniiru.
Ministirri deetaan Tajaajila Komunikeeshinii Mootummaa Tasfaahun Gobazaayi gama isaaniitiin odeeffannoo sobaa ajandaalee biyyoolessaa irratti tamsa’u saaxiluu fi mormuuf xiyyeeffannoon addaa ni kennama jedhan.
Nagaa fi tasgabbii, guddina dinagdee fi hojiiwwan misoomaa keessatti bu’aawwan galmaa’an tuffachiisuuf odeeffannoowwan sobaa tamsa’an ragaa qabatamaa irratti hundaa’uun sirreessuu, kallatti kominikeeshinii dursee raagi hordofuu hordofuun ajaandaadhaan dursuuf kutannoodhaan hojjetama jedhan.