Hojii misooma Sululaan bu’aan qabatamaan argame- Obbo Geetuu Gammachuu

Finfinnee, Mudde 8, 2018 (FMC)- Hojii misooma sululaa hanga ammatti hojjetameen bu’aan qabatamaan argameera jedhan Hogganaan Biiroo Qonnaa Oromiyaa obbo Geetuu Gammachuu.

Leenjiin leenjistootaa marsaa 2ffaaf ogeessoota qabeenya uumamaa fi wabii nyaataa kan bara 2018 magaalaa Jimmaatti eegaleera.

Obbo Geetuun leenjicharratti argamuun haasawaa taasisaniin, Jijjiirama damee kanaan argame keessaa haala jijjirama qabeenya qilleensaa addunyaarratti dhiibbaa uumaa jiru dandamachuu danda’uun isa tokko ta’uu himaniiru.

Keessattuu hojii qabeenya uumamaa ykn fizikaalaa itti fuufinsaan hojjetamuun isaa gama birootiin immoo hojii Ashaaraa magariisaaf hojjetameen jijjiramni qabatamaan argamuu kaasaniiru.

Kana malees haarowwan deebi’uu danda’uun saanii hojiilee waggoottan darban keessa hojjetamaniin kan dhufedhas jedhaniiru.

Muxannoo bara darbeerraa ka’amee baranas hojiin misooma suluulaa yeroo isaa eeggate ni geggeffama jedhan.

Kanaaf immoo qindoominni jiruus isa kanaan duraa caalaa itti fufiinsaan akka deemuu dhaamaniiru.

Abdurrahmaan Mahammaditu gabaase

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment