Finfinnee, Mudde 14, 2018 (FMC)_ Hojii Raawwachiisaa itti aanaan Korpooreeshinii Biroodkaasti Itiyoophiyaa (EBC) ta’uun tajaajilaa kan turan Obbo Abdurrahmaan Ruubee du’aan Addunyaa kanarraa boqotaniiru.
Obbo Abdurrahmaan dhibee isaan mudateen yaalamaa turuun guyyaa har’aa du’aan addunyaa kanarraa boqotaniiru.
Obbo Abdurrahmaan Sadarkaa riipoortaraa hanga Itti aanaa hojii raawwachiisaatti dhaabbiilee Miidiyaa garaagaraa keessatti tajaajilaniiru.
Keessattuu OBN fi EBC tti riipoortaraa hanga hoggansaatti tajaajilaniiru.
Obbo Abdurrahmaan Abbaa ijoollee sadii turan.
Sirni awwalcha Obbo Abdurrahmaan har’a guyyaa sa’aatii 7-8 titti bakka awwalcha Muslimootaa Kolfeetti kan raawwatamu ta’uun ibsameera.
Faanaa Miidiyaa Koorporeeshiniis du’aan boqochuu obbo Abdurrahmaaniin gaddi itti dhagahamuu ibsuun, maatiifi firoottaniif jajjabina hawweera.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.