Finfinnee, Adoolessa 24, 2017 (FMC) – Hojiilee ijoo badhaadhina Itiyoophiyaa milkeessan keessaa ashaaraan magariisaa tokko jedhan Pireezidaantiin Baankii Daldalaa Itiyoophiyaa Abbee Saannoon.
Hoggantoonniifi hojjettoonni Baankii Daldalaa Itiyoophiyaa Magaalaa Shaggar Kutaa Magaalaa Mana Abbichuu aanaa Akaakootti biqiltuu ashaaraa magariisaa dhaabaniiru.
Abbee Saannoon wayita kana akka jedhanitti, hojiin ashaaraa magariisaa dhaloota egereef ashaaraa guddaa kaa’uudha.
Baankichi waggoottan darbanitti saganticharratti dammaqinaan hirmaachuun itti gaafatamummaa hawaasummaa isaa bahachaa akka ture yaadachiisaniiru.
Biqiltuuwwan bankichaan dhaabaman kunuunfamuun % 90 latuus ibsaniiru.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.