Finfinnee, Amajjii 14, 2018 (FMC) – Waggoottan jijjiiramaa darban hojiilee damee qabeenya bishaaniin hojjetamaniin naannawichatti fayyadamummaan haqa qabeessi dhugoomeera jedhan Ministirri Ministeera Bishaanii fi Inarjii Dooktar Haabtaamuu Ittafaan.
Ministeerichi gamaaggama raawwii karooraa baatiwwan jahan darbanii Magaalaa Naqamteetti gaggeessa jira.
Dooktar Haabtaamuun wayita kana, Itiyoophiyaan qabeenya qabdu sirnaan beektee fayyadamuun akka misoomsituuf hojiileen hedduu hojjetamaa jiru jedhan.
Haaluma kanaan waggoottan jijjiiramaa darban hojiilee damee qabeenya bishaaniin hojjetamaniin naannawichatti fayydamummaan haqa qabeessi dhugoomuu danda’uu dubbataniiru.
Sosochiiin ummataa waggaa waggaan damee eegumsa biyyee fi bishaanii fi Ashaaraa magariisaan raawwataman jijjiirama fiduu ibsaniiru.
Waltajjichaan karoorri raawwii damee saaniteeshinii bishaanii, bulchiinsa bishaanii fi inarjiin kan qoratamu yoo ta’u, naannoleenii fi bulchiinsi magaalotaa muxannoo isaanii dhiyeessaniiru.
Goohi Niguusitu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo:
www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.