Hojiilee Ministira Muummee Dooktar Abiy Ahimadiin baatiiwwan Adoolessaafi Hagayya keessa hojjetaman

Finfinnee, Hagayya 26, 2017(FMC)- Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad baatiiwwan Adoolessaafi Hagayyaa 2017 keessa karoorrawwan tarsiimawoo ajandaa misoomaa Itiyoophiyaa saffisisan, waliigaltee raawwiifi ijaarsa piroojektoota biyyaalessaa gurguddoo, waliigaltee Kompileeksii Oomisha Xaa’oo Yuuriyaa Doolaara biiliyoona 2 fi miiliyoona 500 ijaaramu dabalatee hojiilee walitti fufiinsa qaban hojjetaniiru.

Hojiilee Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad baatichatti hojjetan keessaa miseenosta Mana Maree Paartii Badhaadhinaa waliin ta’uun hojii misooma kooriidarii haaraa Inxooxxoo-Araat Kiiloo Pilaazaa eebbisiisaniiru.

Naannawichi daandiiwwan imaltoota lafoo fi biskileetii, ibsaawwan qarqara daandii fooyya’oofi suuqiiwwan ammayyaa kan hammatedha.

Hojiin misooma kooriidarii kun iddoowwan daa’imman taphatan, dirree kubbaa miillaa bal’aafi ijaarsawwan tajaajila uummataaf oolanis kan qabudha.

Piroojektiin kun kutaalee magaalichaa jijjiiramni dinqisiisaan irratti mul’ate keessaa tokkodha.

Bifuma walfakkaatuun Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad walga’ii Mana Maree Paartii Badhaadhinaan booda hojii misooma qarqara lagaa magaalaa Finfinnee daawwataniiru.

Hojiin kun boqonnaa ammaa irra jiruun kutaalee magaalaa shan keessa kan qaxxaamuruufi dheerina kiiloomeetira 21.5 qaba.

Piroojektichi daandii imaltoota lafoo, daandii biskileetii, pilaazaawwan uummataa, suuqiiwwan fi Amfitiyaatiriiwwan of keessatti kan hammatedha.

Baatiidhuma kana keessa Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad sosochii oomishaafi dandeettii oomishuu indaastiriiwwan oomishaa garaagaraa daawwataniiru.

Akka fakkeenyaatti daawwannaa Paarkii Indaastirii Hawaasaatti taasisaniin dhaabbileen paarkicha keessatti bobba’anii jiran ifa aduurraa maddeen anniisaa oomishaa akka jiran daawwachuun dinqisiifataniiru.

Hojiin kun sonni kan itti dabalameefi tarsiimoo invastimantii piroojektoota galmootaafi imaammatawwan biyyattiin qabatte milkeessan irratti xiyyeeffatu waliin kan walsimu ta’uu isaa Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad ibsuun isaanii kan yaadatamudha.

Gara kutaa kibba biyyattiitti imaluunis hojiilee misoomaa garaagaraa fi raawwii piroojektootaa daawwachuu itti fufuun, Magaalaa Arbaa Mincitti piroojektii Maaddiin Dhalootaaf dabalatee hojiilee misoomaa biroo daawwataniiru.

Keessumaa piroojektiin Maaddiin Dhalootaaf piroojektii guddaa waan ta’eef magaalittiin yaa’iiwwan gurguddoo akka keessummeessitu ishee dandeessisa.

Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad wayita sana akka ibsanitti, daawwannaa kana dura taasifneen misoomni Qarqara Laga Kuulfoo magaalichaaf Siimboo dabalataa ta’uu eeran.

Aarbaa Mincittis daandiwwan Haaraan hojjetamaa kan jiran yoo ta’u, gaarreeniif, Bishaanii fi Bosona naannawichaaf karra gahumsaa ta’aniiru jedhan.

Dooktar Abiy naannawichatti hojiilee misoomaa biroo kanneen akka bu’awwan ashaaraa magariisaa Aarbaa Mincii hanga Walaayitaa Sooddootti jiru daawwataniiru.

Hojiileen Ashaaraa Magariisaa naannawaa Walaayittaa Sooddootti hojjetaman ijaarsa biyyaaf cichoominni cimaan jiraachuu ragaa ta’uu mirkaneessan.

Akkasumas Dooktar Abiy Ahimad Baatii Adoolessaa fi Hagayyaa keessaa Naannoo Beenishaanguul Gumuzitti imaluun Magaalaa Asoosaa fi naannawaa isheetti hojiilee misooma Koriidarii fi Misooma Indaastirii daawwataniiru.

Hojiileen hojjetaman jijjiirama qabatamaa kan galmeessan ta’uu ibsan.

Keessattuu Warshaan Warqee Kuurmuuk bu’aa ajaa’ibaa galmeessuu agarreerra jedhan.

Naannichi damee Albuudaan hojii gaarii hojjetaa jiraachuu kaasan.

Dooktar Abiy Ahimadii fi Giiftii Duree Zinnaash Taayyaachoon hoggantoota biroo waliin ta’uun Misooma Koriidarii Giddugala Konveenshinii Idil Addunyaa Addis – Gooroo – VIP daawwataniiru.

Gama biroon Dooktar Abiy Kitaaba Ida’amuurratti kan barreessaan Kitaaba 4ffaa ‘Mootummaa Ida’amuu’ jedhamu ilaalchisee Faanaa Miidiyaa Koorporeeshin waliin af gaaffii bal’aa taasisaniiru.

Kitaabni mootummaa Ida’amuu adeemsa hedduu keessa kan darbe ta’uu kaasan.

Koochoo Tarsiimoo Invastimantii Itiyoophiyaa kan ta’e Holdiingi Invastimanti Itiyooophiyaa fi Gareen Daangootee Warshaa oomisha Xaa’oo Yuuriyaa sadarkaa Idil Addunyaa eeggate naannawaa Godeetti hundeessuuf kan walii galan baatii kana keessa ture.

Warshaan kun Doolaara biiliyoona 2.5 oliin kan ijaaramu yoo ta’u, waggaatti Xaa’oo hanga Meetirik Toonii miiliyoona 3 oomishuuf dandeettii kan qabuudha.

Ijaarsi isaas baatiwwan 40 keessatti kan xumuramu yoo ta’u, lammiilee Itiyoophiyaa hedduuf carraa hojii kan uumuudha.

Waliigalaan Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Baatiwwan Adoolessaa fi Hagayyaa keessa raawwii Piroojektoota guguddoo biyyaaleessaa daawwachuun kallattii hojii kaa’aniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment