Finfinnee, Waxabajjii 5, 2017 (FMC) – Hojiilee misoomaa guyyoottan 90 itti aanan magaalaa Finfinneetti hojjetaman irratti hoggansi kutannoon hirmaachuu akka qabu Kantiibaan magaalichaa Aadde Adaanech Abeebeen hubachiisan.
Aadde Adaanech Abeebeen sosochii guyyootta 90 dhufanitti hojjetaman irratti hoggantoota magaalichaaf kallattii hojii kennaniiru.
Jiraattota magaalichaaf tajaajila si’ataa, amansiisaafi hunda hammataa kennuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu Aadde Adaanech waltajjicharratti kaasaniiru.
Yeroo garaagaraatti inisheetiiviiwwan haaraa hojiirra oolchuun magaalicha jiraattotaaf mijataa taasisuuf hojjetamaa akka jiru hubachiisaniiru.
Sosochii guyyoottan 90’nis qonna magaalaa, Ashaaraa Magariisaa, tajaajila tola ooltummaa gannaafi qaala’iinsa jireenyaa hir’isuuf xiyyeeffannoon ni hojjetama jedhan.
Kana malees misooma kooriidarii marsaa 2ffaa xumuruu, galii guddisuu, ijaarsa piroojektoota gurguddoo ariifachiisuu, carraa hojii uumuufi kenniinsa tajaajilaa haqa qabeessa cimsuurratti akka hojjetamu eeran.
Hojiilee sosochichaan hojjechuuf karoorfaman milkaa’inaan xumuruuf hoggansi qindoominaan hojjechuun fayyadamummaa jiraattotaa mirkaneessuu akka qabu hubachiisan.
Kanaaf ammoo sirna deeeggarsaafi hordoffii cimaa diriirsuun barbaachisaa ta’uu ibsuu isaanii Daayrektarri Miidiyaa Hawaasummaa Pirees Seekreetariyaatii Waajjira Kantiibaa Biruuksaw Yilmaan Faanaa Diijitaaliif himaniiru.
Sosochiin kun Waxabajjii 5 irraa eegalee guyyoottan Qaammee 2017’tti kan xumuramu yoo ta’u hojiilee gurguddoon 18 ni hojjetamu.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.